ترجمة سورة الرعد

الترجمة الأورومية

ترجمة معاني سورة الرعد باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية.
من تأليف: غالي ابابور اباغونا .

Alif Laam Miim RaaKun keeyyattoota kitaabaatiInni Gooftaa kee biraa gara keetti buufame dhugaadhaGaruu irra hedduun namaa hin amananu.
Rabbiin Isa samii (torban) utubaa malee uumeedha; isinuu ishee ni agartusana booda Arshii irratti (akka Isaaf maluun) ol ta’eAduufi baatiis ni laaffiseHundinuu hanga beellama murtaa’eetti yaa’uWantoota hunda gara gaggalchaAkka isin qunnamuu Rabbii keessanii mirkaneeffattaniif jecha mallattoolee addaan baasa
Inni Isa dachiis diriirsee ishee keessatti gaarreeniifi laggeeniis godheedhaFuduraalee hunda irraas gosoota lama ishee keessatti godheeraHalkan guyyaa haguugsisaDhugumatti, kana keessa namoota xiinxalaniif mallattooleetu jira.
Dachii keessas kutaalee walitti ollooman, ashaakiltii Inaba irraa ta’an, sanyiiwwan faca’aniifi muka Timiraa damee qabaniifi damee hin qabne, kan bishaan tokkoon obaafamantu jiraDhandhama keessatti garii isaanii garii irra caalchifneerraDhugumatti, kana keessa ummata xiinxalaniif mallattooleetu jira.
Yoo kan raajeffattu taateef jecha isaanii kan “sila yeroo biyyee taane nuti uumama haaraa keessatti (taanaa)?” (jedhutu) raajiidhaIsaan warra Gooftaa isaaniitti kafaraniidhaIsaan sun sakaallaan morma isaanii keessa jiraIsaan warra ibiddaatiIsaan ishee keessatti hafoodha.
Odoo isaan dura adabbiin hedduun dabree jiruu, hamtuudhaan toltuu dura si ariifachiifatuDhugumatti, Gooftaan kee namaaf miidhaa hojjachuu isaaniitii wajjiin abbaa araaraatiGooftaan kee abbaa adabbii cimaati
Isaannan kafaranis “Maaliif mallattoon wahii Gooftaa isaa biraa isa irratti hin buufamne?” jedhuAti dinniinuma qofaUmmata hundaaf qajeelchaan jira.
Rabbiin waan dhaltuun hundi baattu, waan gadaamessi hir’iftuufi waan dabaltus ni beekaWanti hundinuu Isa biratti hanga murtaa’aadhaani
(Rabbiin) Beekaa waan fagoofi dhihoo, guddaa, ol ta’aadha.
Isin irraa namni jechaan (sagalee) gadi qabeefi ol fuudhes, ammas namni halkan dhokateefi guyyaa ifatti ba’es waluma qixa
Isaaf (tokko tokkoo namaatiif) maleeykota wal tareeffatoo ta’an fuuldura isaatiifi duuba isaa irraa ajaja Rabbiitiin isa eegantu jiruDhugumatti, Rabbiin waan ummata bira jiru hanga isaan waan isaan bira jiru jijjiiranitti isaan irraa hin jijjiiruYeroo Rabbiin namoota wahiitti hamtuu fedhe, deebisaan isaaf hin jiru; Isaaniifiis Isaa gaditti gargaaran hin jiru.
Inni Isa kan sodaattaniifi kan kajeeltan taatanii hangaasuu isin agarsiisuudhaDuumessa ulfaataas ni uuma.
Mandiisuun (kakawweennis) faaruu Isaatiin (Isa) qulqulleessaMaleeykonnis sodaa Isaa irraa (Isa qulqulleessu)Bakakkaas ergee, haala isaan (kaafiroonni) Rabbiin keessatti wal falmanuun, isheedhaan nama fedhe rukutaInni humni isaa cimaadha.
Waamichi dhugaa kan IsaatiWarri isaan Isa (Rabbii) gaditti waammatan, Akka (owwaannaa) nama inni afaan isaatti haa ga’uuf haala Inni isatti hin geenyeen ganaa isaa lamaan gara bishaanii hiixatuu (diriirsuu) malee isaaniif hin awwaatanKadhaan kaafirootaa hoongoo keessa malee hin taane.
Namoonni samiifi dachii keessa jiran kan jaalataniifi kan jibban ta’anii, Gaaddidduuwwan isaaniis ganamaafi galgala Rabbiif sujuuda godhu.
“Gooftaan samiifi dachii eenyu?” jedhiin“Allaahdha” Jedhi“Sila Isaa gaditti jaalallee lubbuu isaaniitiif bu’aas ta’ee miidhaa hin argamsiifne taasifattanii?” jedhiin“Sila jaamaafi namni argu wal qixa ta’uu? dukkanaafi ifnis wal qixa ta’aa? jedhiinSila isaan Rabbiif shariikowwan uumama akka Isaa uumanii uumamni isaan irratti wal fakkaate godhanii? “Rabbiin uumaa waan hundaati; Inni tokkicha injifataadha” jedhi
Samii irraa bishaan (rooba) buusee laggeen hanga isheetiin ni yaate; lolaanis hoomacha ol fuudhamaa baadhate; waan isaan faayaafi meeshaa barbaaduuf jecha ibidda irratti qabsiisan irraas hoomacha (xurii) akkasiitu jiraAkka kanatti Rabbiin dhugaafi soba fakkeenya godha; hoomachi goggogaa ta’ee deemaWanti nama fayyadu immoo dachii keessa taa’aAkka kanatti Rabbiin fakkeenya godha
Isaan Gooftaa isaaniitii awwaataniif jannatatu jiraIsaan Isaaf hin awwaatin immoo, odoo wanti dachii keessa jiru hundiifi fakkaataan isaas (isaaniif argamee) silaa isaan of bituWarri sun isaaniif qormaata hamaatu jiraTeessoon isaaniis jahannami(Inni) afata ta’uun waa fokkataa dha!
Sila namni wanti Gooftaa kee irraa gara keetti bu’e dhugaa ta’uu isaa beeku akka nama jaamaatii? warra sammuu qabu qofatu gorfama.
(Isaan) warra waadaa Rabbii guutaniifi waadichas hin diigneedha.
Ammas warra waan Rabbiin akka inni fufamu ajaje fufanii Gooftaa isaaniis sodaataniifi hamaa qormaataa sodaataniidha.
Ammas isaan fuula Gooftaa isaanii barbaacha obsan, kan salaatas dhaabanii, waan Nuti isaaniif kennine irraa dhoksaniifi mul’isanii arjooman, kan waan gadhee waan gaariin deebisaniidhaWarri sun gandi boodaa isaaniif ta’aadha
(Isheen) Jannata qubsumaa kan isaan ishee seenanuudha; Abbootii isaanii, niitiwwan isaanii, ilmaan isaanii irraas namni gaarii hojjate (ishee seena)Maleeykonnis balbala hundaan isaanitti seenu.
“Waan obsitaniif nageenyi isin irratti haa jiraatu; gandi boodaa waa tole!” (jedhu).
Isaan waadaa Rabbii erga jabaachuu isaatii booda diiganiifi waan Rabbiin akka fufamu ajaje kutan, kan dachii keessatti badii raawwatan warri sun abaarsi isaaniif jira; isaaniif ganda hamaa ta’e (jahannamtu) jira.
Rabbiin nama fedheef soorata bal’isa; (nama fedhe) itti dhiphisaIsaan jireenya addunyaa kanaatti gammadaniJireenyi addunyaa jireenya Aakhiraa biratti qananii yeroo gabaabaa malee hin taane.
Isaan kafaranis “Sila maaliif Gooftaa isaa biraa mallattoon wahii itti hin bu’in?” jedhu“Dhugumatti, Rabbiin nama fedhe ni jallisa; nama deebi’e immoo gara Isaatti qajeelcha” jedhi.
(Isaan) warra amananii, onneen isaanii zikrii Rabbiitiin tasgabbooftuudhaDhaga’aa! zikrii (faaruu) Rabbiitiin onneen ni tasgabboofti.
Isaan amananii, gaggaarii hojjatan, isaaniif jiruu gaariifi deebii miidhagaa ta’etu jira
Akka kanatti gara ummata ishee dura ummatoonni biraa dabrite keessatti odoma isaan ‘Rahmaanitti’ kafaranuu akka isa gara keetti buufne isaan irratti dubbiftuuf si ergine(Yaa Muhammad!) “Inni Gooftaa kiyya, Isa malee gabbaramaan haqaa hin jiruIsa irratti hirkadheeraGaruma Isaattiin tawbaas deebi’a” jedhi.
Odoo Qur’aanni gaarreen (iddoo isaanii irraa) ittiin deemanii yookiin dachiin isaan ciccittee yookiin du’aan isaan dubbifameeyyuu (hin amananu)Amriin hunduu RabbumaafiSila isaan amanan akka Rabbiin odoo fedhee namoota hunda qajeelchu hin beekanuu? Isaan kafaran waan isaan dalaganiin qalbi dhooftuun isaan tuqxu ta’uu irraa yookiin hanga waadaan Rabbii dhufutti manneen isaaniitti dhihoo qubachuu irraa hin deemtuDhugumatti, Rabbiin waadaa hin diigu.
Ergamoota si duraattis qishnaan itti godhameera; isaan kafaraniif beellama godheen sana booda isaan qabeadabbiin kiyya akkam ta’e ree!
Sila Inni (Rabbiin) lubbuu hunda irratti waan isheen hojjatteen (tiksuun) dhaabbataa ta’e (akka gabbaramaa akkas hin ta’iniitii?) Isaan Rabbiifis hiriyoota (shariika) taasisan“Isaan maqaa dhahaa” jedhiSila waan Inni dachii keessatti hin beekne Isatti himtumoo jecha mul’ataa (kan sobaa dubbattu)?” Dhugumatti isaan kafaraniif tooftaan isaanii isaaniif miidhagfamee, karaa qajeelaa irraas deebifamaniiruNama Rabbiin isa jallises qajeelchaan isaaf hin jiru
Isaaniif jireenya addunyaa keessatti adabbiitu jiraadabbiin Aakhiraa immoo akkaan jabaadhaAmmas isaaniif (adabbii) Rabbii irraa ittisaan hin jiru.
Fakkeenyi jannata warri (Rabbiin) sodaatan waadaa galamanii, jala ishee laggeentu yaa’a; nyaanni ishee walitti dhaabbataadha; gaaddisni ishees (akkasuma)Kun booddee warra Rabbiin sodaataniitiBooddeen kaafirootaa immoo ibidda.
Warri nuti kitaaba isaaniif kennine, waan gara keetti buufametti ni gammaduAhzaaba irraas nama garii isaa mormutu jira“Kan ani ajajames Rabbiin qofa gabbaruufi Isatti homaa qindeessuu dhabuudha” jedhiGara Isaa qofattin waama; deebiin kiyyas gara Isaati.
Akka kanatti murtii Arabiffaa ta’ee isa (Qur’aana) buufneAtis, erga beekumsa irraa wanti siif kenname sitti dhufee booda, odoo fedha lubbuu isaanii hordoftee, silaa (adabbii) Rabbii irraa tumsaafi tiksaan siif hin jiru.
Dhugumatti, Nuti si duras ergamtoota erginee jirraNiitiiwwaniifi ilmaan isaaniif taasifnee jirraErgamaan tokkos yoo hayyama Rabbiitin ta’e malee mallattoo (raajii) tokkos fiduu hin danda’ubeellama hundaafuu galmeetu jira.
Rabbiin waan fedhe ni haqa; (waan fedhe immoo) ni mirkaneessaIsa biras haadha kitaabaa (Lawhal Mahfuuztu) jira
Yoo garii waan ittiin isaan sodaachifnee si argisiifne (tolte)Yookiin yoo si ajjeefnes (komiin sirra hin jiru)Wanti sirra jiru geessuu qofa; qormaanni immoo Nurra jira.
Sila akka Nuti dachii daangaa ishee irraa hir’isaa dhufnu hin ilaalanii? Rabbiin ni murteessa; murtii isaas wanti duubatti deebisu hin jiruInni qormaanni isaa saffisaadha.
Dhugumatti, warri isaaniin duraas mala baasanii jiruMalli hundi kan RabbiitiWaan lubbuun hundi hojjattu ni beekaKaafiroonnis dhumti gaariin eenyuuf akka ta’e beekuuf jiru.
Isaan kafaran “ati ergamaa miti” Siin jedhu“Gidduu kiyyaafi gidduu keessanitti ragummaan Rabbiifi namoonni beekumsi kitaabaa isaan bira jiru ga’aadha” jedhi.
سورة الرعد
معلومات السورة
الكتب
الفتاوى
الأقوال
التفسيرات

اهتمَّتْ سورةُ (الرَّعْدِ) ببيان أصول الاعتقاد؛ من الإيمان بالله، وملائكته، وكتبِه، كما دلَّتْ على عظيم قدرة الله تعالى، وتحكُّمِه في هذا الكون، وتدبيرِه؛ فهو الخالق، المالك، المُدبِّر، المستحِقُّ للعبادة، وجاءت السورةُ على ذكرِ آية عظيمة من آيات الله في الكون؛ وهي الرعدُ الذي يُخوِّف اللهُ به عباده، كما أن باطنَ هذا الرعد خيرٌ وغَيْثٌ ورحمة، يُصرِّفه الخالقُ كيف شاء؛ فالله خالقُ كل شيء، وبيدِه مقاليدُ كل شيء.

ترتيبها المصحفي
13
نوعها
مكية
ألفاظها
853
ترتيب نزولها
96
العد المدني الأول
44
العد المدني الأخير
44
العد البصري
45
العد الكوفي
43
العد الشامي
47

* سورة (الرَّعْدِ):

سُمِّيتْ سورة (الرَّعد) بذلك؛ لأنَّ فيها ذِكْرَ الرَّعد.

اشتمَلتْ سورةُ (الرَّعد) على الموضوعات الآتية:

1. عظمةُ القرآن الكريم (١-٢).

2. أدلة على قدرة الله، وعظيم سلطانه (٣-٤).

3. إنكار المشركين للبعث، وإحاطةُ علم الله تعالى (٥-١١).

4. بيان قدرة الله الكونية (١٢- ١٣).

5. لله دعوةُ الحق (١٤-٢٩).

6. مقارَعة المشركين بالحُجة (١٤-٢٩).

7. مثال عن الحق والباطل (١٤-٢٩).

8. صفات المؤمنين /الكافرين (١٤-٢٩).

9. الرد على الكفار، والجزاء (٣٠-٤٣).

10. وصف الجنة (٣٠-٤٣).

11. إثبات النَّسخ (٣٠-٤٣).

12. تثبيت قلب النبي صلى الله عليه وسلم (٣٠-٤٣).

ينظر: "التفسير الموضوعي للقرآن الكريم" لمجموعة من العلماء (3 /563).

دلَّ اسم السُّورة على مقصدِها العظيم، وقد ذكَره البقاعيُّ فقال:

«وصفُ الكتاب بأنه الحقُّ في نفسه، وتارةً يتأثر عنه، مع أن له صوتًا وصِيتًا، وإرغابًا وإرهابًا، يَهدي بالفعل وتراه لا يتأثر؛ بل يكون سببًا للضَّلال والعمى.

وأنسَبُ ما فيها لهذا المقصدِ: الرَّعدُ؛ فإنه مع كونه حقًّا في نفسه يَسمَعه الأعمى والبصير، والبارز والمستتِرُ، وتارة يتأثر عنه البَرْقُ والمطر، وتارة لا، وإذا نزَل المطر: فتارة يَنفَع إذا أصاب الأراضيَ الطيِّبة، وتارة يَخِيبُ إذا نزَل على السِّباخ الخوَّارة، وتارة يضرُّ بالإغراق، أو الصواعق، أو البَرَد، وغيرها». "مصاعد النظر للإشراف على مقاصد السور" للبقاعي (2 /193).