ترجمة سورة الزمر

الترجمة الأورومية

ترجمة معاني سورة الزمر باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية.
من تأليف: غالي ابابور اباغونا .

Buufamuun kitaabichaa Rabbii injifataa, ogessa ta’e irraayi.
Nuti dhugaan kitaaba gara keetti buufneerraKanaaf amantii Isaaf qulqulleessaa ta’ii Rabbiin gabbari
Dhaga’aa! Amantiin qulqulluun kan Allaah qofaWarri Isa malee gargaartota godhatan “gara Rabbiitti akka sirritti nu dhiheessaniif malee isaan hin gabbarru” (jedhu)Dhugumatti, Rabbiin waan isaan isa keessatti wal dhabaa turan gidduu isaaniitti ni murteessaDhugumatti, Rabbiin nama kijibaa, akkaan kafaraa ta’e hin qajeelchu.
Rabbiin odoo ilma godhachuu fedhee, silaa waan ofii uumu gidduu kan fedhe filata tureQulqullina isaaf malu (sana irraa qulqullaa’e)Inni Allaah tokkicha hunda mo’ataadha.
Samiifi dachii dhugaan uumeHalkan guyyaa irratti mara; guyyaas halkan irratti maraAduufi baatiis ni laaffiseHunduu yeroo murtaa’eef deemuDhaga’aa! Inni injifataa, araaramaadha.
Lubbuu tokko irraa isin uumee, ergasii ishee irraa cimdii ishee taasisee; beeyladoota irraas cimdiiwwan saddeet isiniif buuse; Garaa haadha keessanii keessatti uumama boodaan uumama godhee dukkana sadi keessatti isin uumaKun Rabbii gabbaramaa keessan ta’eedhaMootummaan kan IsaatiiIsa malee dhugaan gabbaramaan hin jiruAkkamumatti (Isarraa) gara galfamturee?
Yoo kafartanis, dhugumatti Rabbiin isin irraa dureessaGaruu gabroota Isaatiif kufrii hin jaallatuYoo (Isa) galateeffattan isa isiniif ni jaallata(Lubbuun) dilii hojjattu tokko dilii (nama) biraa hin baadhattuErgasii deebiin keessan gara Gooftaa keessaniitiInnis waan isin dalagaa turtan isinitti odeessaDhugumatti, Inni beekaa waan qoma keessaati.
Ilmi namaa yoo rakkoon wahii isa tuqe, gara Isaa deebi’uun Gooftaa isaa kadhataErgasii yeroo (Rabbiin) ni’imaa Isa biraa ta’e isaaf kenne, Isa (Rabbii) dura kadhachaa ture irraanfateeti, karaa Isaa irraa (namoota) jallisuuf jecha Rabbiif hiriyaa taasisa“Kufrii keetti xiqqo bashannani; dhugumatti ati warra ibiddaa irraayi” jedhiin.
Sila namni Rabbiif jecha yeroo halkanii sujuudaafi (salaataaf) dhaabbataa, Aakhiraa sodaataa, rahmata Rabbii isaa kajeelaa (Rabbiif) ajajamu (isa hin amanneen wal qixxaataa?) Jedhi: “sila isaan beekaniifi isaan hin beekne wal qixxaatuu?” Dhugumatti, isaan gorfaman warra sammuu qaban qofa.
Jedhi: “Yaa gabroota kiyya kan amantan! Gooftaa keessan sodaadhaaIsaan addunyaa kana keessatti toltuu hojjataniif (Aakhiratti) toltuun (qophaa’ee) jiraDachiin Rabbiis bal’oodhaWarri obsan mindaan isaanii kan isaaniif kennamu lakkoofsa maleedha.”
“Ani amantii Isaaf qulqulleessee, Rabbi gabbaruuttin ajajame” jedhi.
“Jalqaba Muslimtootaa ta’uttis nin ajajame.”
“Ani yoon ajaja Gooftaa kiyyaa dide adabbii guyyaa guddaan sodaadha” jedhi.
Jedhi: “Ani Rabbuma qofaan, amantii kiyya Isaaf qulqulleessaa ta’ee gabbara.”
Isaan ala waan feetan gabbaraa“Dhugumatti, warri hoonga’an isaan Guyyaa Qiyaamaa ofiifi maatii isaaniis hoonga’aniidhaDhugumatti, kun isumatu hoongoo ifa galaadha.”
Isaaniif gubbaa isaanii irraa haguuggaa ibidda irraa ta’eetu jira; jala isaanii irrallee haguuggaa (ibiddaatu jira)Sana Rabbiin gabroota Isaa ittiin sodaachisa“Yaa gabroota kiyya! Anuma qofa sodaadhaa.”
Isaan gabbaramoota sobaa gabbaruu irraa fagaatanii, gara Rabbii deebi’an, isaaniif gammachuutu jiraGabroota kiyya gammachiisi.
(Isaan) warra jecha dhageeffatanii, ergasii irra bareedaa isaa hordofaniidhaIsaan sun warra Rabbiin isaan qajeelcheIsaan sun isaanumatu warra sammuuti.
Sila namni jechi adabbii isa irratti mirkanaa’e (nama hamtuu irraa fagaate waliin wal qixaa)? Sila ati nama ibidda keessa jiru ni baraartaa?
Garuu warra Rabbii isaanii sodaatan, isaaniif kutaalee isaan gubbaa kutaaleen (biraa) ijaaramtuun jirtu, kan isaan jala laggeen dhangalaatutu jiraWaadaa Rabbii (Inni wareege)Rabbiin waadaa Isaa hin diigu.
Sila Rabbiin bishaan (rooba) samii irraa buusee, ergasii burqaa godhee dachii keessa gadi isa liccisiise hin agarree? Ergasii isaan (bishaaniin) midhaan bifti isaa gara garaa biqilchee, ergasii goggogee daalacha ta’u argitaErgasii caccabaa godhaDhugumatti, kana keessa warra sammuu qabaniif gorsatu jira.
Sila namni Rabbiin qoma isaa Islaamaaf bal’isee, beekumsa Gooftaa isaa irraa ta’erra jiru (akka nama Islaama’uu dideetii)? Yaa badii namoota onneen isaanii zikrii Rabbii irraa gogdee! Isaan sun jallina ifa ta’e keessa jiru
Rabbiin haasawa gaarii, kitaaba (miidhagina keessatti) wal fakkaatu, kan oduun isaa lama lamaan deemtu, kan isa irraa gogaan warra Gooftaa isaanii sodaatanii suukannooftu, ergasii gogaan isaaniitiifi onneen isaanii gara yaadannoo Rabbiitti laafu buusee jiraKun qajeelfama Rabbiiti; isaan nama fedhe qajeelchaNama Rabbiin jallise qajeelchaan isaaf hin jiru.
Sila namni Guyyaa Qiyaamaa fuula isaatiin adabbii hamaa san (qaama) isaa irraa eegu (akka nama jannata seenuutii?) Miidhaa dalagtootaan ni jedhama: “Waan oomishaa turtan dhandhamaa.”
Warri isaaniin duraa sobsiisaniiti, adabbiin gara isaan hin beekneen isaanitti dhufe.
Rabbiin jiruu addunyaa keessatti salphina isaan dhandhamsiiseOdoo beekanii adabbiin kan Aakhiraatu irra guddaadha.
Dhugumatti, Nuti namaaf Qur’aana kana keessatti akka isaan gorfamaniif fakkeenya hunda irraa goone.
Dubbifamaa afaan Arabaa haala ta’een, kan jallinna tokko hin qabne ta’ee akka Rabbiin sodaataniif jecha (isaanif buufne)
Rabbiin ‘nama tokko kan shariikkan (isa irratti) wal hin taane waliin qabaniifi kan namni tokko qofti qabu fakkeenya godheIsaan kun lamaan fakkeenyaaf walqixaa? Faaruun hundi kan RabbiitiGaruu irra hedduun isaanii hin beekanu.
Dhugumatti, (Yaa Muhammad) ati ni duuta; isaanis ni du’u!
Ergasii isin (hunduu) Guyyaa Qiyaamaa Gooftaa keessan biratti wal mormitu.
Sila nama Rabbi irratti sobe, kan yeroo dhugaan isatti dhufu sobsiise irra namni miidhaa hojjate ni jiraa? Sila teessoon kaafirootaa jahannam keessa hin taanee?
Inni dhugaan dhufeefi kan isa dhugoomses, isaan sun isaanuma warra Rabbiin sodaatu.
Isaaniif waan isaan fedhantu Rabbii isaanii bira jiraSun galata warra toltuu hojjataniiti.
Akka Rabbiin hamtuu waan dalaganii isaan irraa haqee mindaa isaanii gaarii waan isaan hojjatanii isaanii galata galchuuf (isaaniif laaffise).
Sila Rabbiin gabricha Isaatiif ga’aa mitii? Warra Rabbii gaditti gabbaraniin si sodaachisuNama Rabbiin jallise qajeelchaan isaaf hin jiru.
Nama Rabbiin qajeelches wanti isa jallisu hin jiruSila Rabbiin injifataa, haaloo baafataa hin taanee?
“Samiifi dachii eenyutu uume?” (jettee) odoo isaan gaafattee “Rabbuma” jedhu“Mee naaf odeessaa? Wanti isin Rabbiin ala waammattan (gabbartan) odoo Rabbiin hamtuu naan fedhee, sila isaan (na) rakkisuu isaa san ni deebisuu? Yookiin odoo rahmataan na fedhee, isaan rahmata Isaa qabuu ni danda’uu?” jedhiin: “Rabbumatu naaf ga’a; warri hirkatan Isa irratti hirkatu.”
“Yaa ummata kiyya! Karaa irra jirtan irratti dalagaa; anis dalagaadhaFuulduratti beekuuf jirtu” jedhiin.
“Nama adabbiin isa xiqqeessu itti dhufuufi kan adabbiin dhaabbataan isa irratti bu’u eenyu akka ta’e (beekuuf jirtu).”
Nuti namootaaf kitaaba (Qur’aana) dhugaan sirratti buufneNamni qajeele lubbuma isaatiifiNamni jallates isheedhuma irratti jallataAti isaan irratti dirqama (qajeelchuu) hin qabdu
Rabbiin lubbuu yeroo du’a isheetti ni ajjeesa; ishee duuti hin ga’inis hirriiba ishee keessatti (ajjeesa)Ergasii ishee du’a itti murteesse ni qabaIshee biraa (kan du’a itti hin murteessin) hanga beellama beekamaatti gadi dhiisaDhugumatti, kana keessa warra xiinxalaniif mallattooleetu jira.
Sila Rabbii gadittii manguddoota godhatanii? “Odoma isaan homaa hin qabneefi sammuus hin qabne (godhatanii?)” jedhi.
“Araarri hunduu kanuma RabbiitiMootummaan samiifi dachii kan IsaatiErgasii gara Isaatti deebifamtu” jedhiin
Yeroo Rabbiin kophaa Isaa faarfamu onneen warra Aakhiratti hin amannee ni sunturrooftiYeroo warri Isaan (Rabbiin) alaa faarfaman yeruma san gammadu.
Jedhi: “Yaa Rabbii uumaa samiifi dachii! Beekaa fagoofi dhihoo! gidduu gabroota keetiitti waan isaan irratti wal dhabaa turan keessatti sumatu murteessa.”
Odoo wanti dachii keessa jiru hundi isaan miidhaa dalaganiif ta’ee fakkaataan isaas isaa waliin (isaanif ta’e), adabbii Guyyaa Qiyaamaa hamaa san irraa isaan of baasu turanWaan isaan hin yaadintu Rabbi irraa isaaniif mul’ate.
Hamtuun waan isaan hojjatanii isaaniif mul’ateWanti isaan itti qishnaa turanis isaanitti marse.
Namni yeroo rakkoon isa tuqe nu kadhataErgasii yeroo Nuti ni’imaa Nu biraa ta’e isaaf kennine, “beekumsuma kiyyaafiin kenname” jedhaLakkisaa! isheen sun mokkoraGaruu irra hedduun isaanii hin beekanu.
Warri isaaniin duraas isuma jedhanii jiruWanti isaan hojjachaa turan homaa isaan irraa hin deebifne
(Mindaa) hamtuu isaan hojjataniitu isaan tuqeKanneen irraa warri miidhaa dalaganis hamtuuwwan waan isaan dalaganii isaan tuquuf jiraIsaan Rabbi duraa hin bahan.
Sila akka Rabbiin nama fedheef kenna bal’isee, (kan fedhetti immoo) dhiphisu hin beekanuu? Dhugumatti, kana keessa ummata amananiif mallattooleetu jira.
(Yaa Muhammad!) jedhi: “Yaa gabroota kiyya kan lubbuu isaanii irratti daangaa dabartan! Rahmata Rabbii irraa abdii hin muratinaaDhugumatti Rabbiin balleessa hundaa ni araaramaInni araaramaa, rahmata godhaadha
Odoo adabbiin isinitti hin dhufin gara Rabbii keessanii deebi’aa, Isaafis ajajamaaSana booda hin tumsamtanu.
Adabni tasa odoo isin hin beekin isinitti dhufuu dura irra gaarii waan Goftaa keessan irraa gara keessanitti bu’ee hordofaa
Lubbuun “Yaa sheenaa kiyya kanin karaa Rabbii keessatti daangaa dabree, warra qishinan irraa ta’ee!” akka hin jenneef (hordofaa).
Yookiin “odoo Rabbiin na qajeelchee sila warra Rabbiin sodaatan irraan ta’a ture” akka hin jenneef.
Yookaan yeroo adabbii (Rabbii) argite, “carraan (addunyaatti deebi’uu) tokko odoo naaf ta’ee, toltuu dalagdoota irraan ta’a ture” akka hin jenneef.
Lakkii; dhugumatti mallattooleen kiyya sitti dhufaniiti, ati isaan sobsiiftee, boontee, kaafiroota irraa taate.
Guyyaa Qiyaamaa warra Rabbi irratti soban kan fuulli isaanii gurracha ta’e argitaSila warra boonaniif teessoon jahannam keessa hin taanee?
Rabbiin warra Isa sodaatan milkii isaaniitiin (jahannam irraa) isaan baraara; hamtuun isaan hin tuqu; isaan hin gaddanus.
Rabbiin uumaa waan hundaatiInni waan hunda irrattis tiksaadha.
Furtuuwwan samiifi dachii kan IsaatiIsaan keeyyattoota Rabbiitti kafaran, isaan sun hoonga’oon isaanuma.
(Yaa Muhammad!) “Yaa wallaaltotaa! Sila Rabbiin ala (waan biraa) gabbaruutti na ajajjuu?” jedhi
Dhugamatti, gara keetiifi gara warra si dura turaniittis “yoo Rabbii wajjiin waan biraa gabbarte dalagaan kee ni bada; warra hoonga’an irraas taata” jechuun wahyiin buufameera.
Rabbiin qofa gabbari; galateeffattoota irraas ta’i.
Isaan Rabbiin guddina isaaf malu hin guddifneGuyyaa Qiyaamaa dachiin guutuun qabaa Isaa keessa taati; samiinis mirga Isaatiin maramtuudhaInni qulqullaa’e; waan isaan Isa waliin gabbaran irraas ol ta’e.
Garrii (Xurumbaa) keessatti ni afuufamaWarri samii keessaatiifi warri dachii keessaa hunduu, nama Allaahn fedhe malee, ni dhumuErgasii yeroo biraas isa keessatti afuufamaYeroo san isaan dhaabbatanii ilaaloo ta’u.
Dachiinis ifa Gooftaa isiitiin iftiGalmeenis ni kaayamaNabiyyootaafi ragooleenis ni fidamuGidduu isaaniitti odoo isaan hin miidhamne haqaan murteeffama.
Lubbuun hundi waanuma hojjate galata galfamtiInni waan isaan hojjatan akkaan beekaadha
Isaan kafaran gara jahannam gareen ta’anii oofamu; yeroo ishee bira ga’an balballi ishee banamteeti, waardiyoonni ishee “sila ergamtoonni isin irraa ta’an kan keeyyattoota Gooftaa keessanii isin irratti dubbisaniifi wal ga’ii guyyaa keessanii kana isin sodaachisan isinitti hin dhufnee?” isaaniin jedhan[Isaan] “eeyyee (dhufaniiru), garuu jecha adabaatu kaafiroota irratti mirkanaa’e” jedhan.
“Balbala jahannam ishee keessatti hafoo ta’aatii seenaa” jedhamaTeessoon warra boonanii akkam fokkataa dha!
Warri Rabbii isaanii sodaatan gareedhaan gara jannataatti oofamuYeroma isaan isheetti dhufanii balballi ishees banamtee, waardiyoonni ishees “nageenyi isin irra haa jiraatu; toltaniittu; keessatti hafoo ta’aatii ishee seenaa” isaanin jettu (ishee seenan).
Ni jedhanis: “faaruun hundi kan Rabbii Isa waadaa Isaa dhugaa nuuf godhee, dachii (jannataas) nu dhaalchiseetiJannata keessaa iddoo barbaanne qubannaMindaan hojjattootaa waa tole!”
Maleykotas, kan naannoo Arshii Gooftaa isaanii marsanii, faaruu Gooftaa isaanii waliin Isa qulqulleessan argitaGidduu isaaniitti (uumamaatti) dhugaan murteeffameeti “faaruun hundi kan Rabbii Gooftaa aalamaati” jedhame.
سورة الزمر
معلومات السورة
الكتب
الفتاوى
الأقوال
التفسيرات

سورةُ (الزُّمَر) من السُّوَر المكية، وقد جاءت بدلائلَ كثيرةٍ على وَحْدانية الله، واستحقاقه للألوهية، وذكَرتْ آياتٍ لله عز وجل في هذا الكون، وبيَّنت مآلَ مَن آمن واتقى، ومآلَ من عصى وكفَر بالله؛ مِن تقسيمِ الله لهم إلى زُمَرٍ: زُمْرة إلى الجنة والسعادة، وزُمْرة إلى النار والشقاء، وقد أُثِر عن النبي صلى الله عليه وسلم قراءتُه لسورة (الزُّمَر) قبل النوم.

ترتيبها المصحفي
39
نوعها
مكية
ألفاظها
1177
ترتيب نزولها
59
العد المدني الأول
72
العد المدني الأخير
72
العد البصري
72
العد الكوفي
75
العد الشامي
73

* قوله تعالى: {يَٰعِبَادِيَ اْلَّذِينَ أَسْرَفُواْ عَلَىٰٓ أَنفُسِهِمْ لَا تَقْنَطُواْ مِن رَّحْمَةِ اْللَّهِۚ إِنَّ اْللَّهَ يَغْفِرُ اْلذُّنُوبَ جَمِيعًاۚ إِنَّهُۥ هُوَ اْلْغَفُورُ اْلرَّحِيمُ ٥٣ وَأَنِيبُوٓاْ إِلَىٰ رَبِّكُمْ وَأَسْلِمُواْ لَهُۥ مِن قَبْلِ أَن يَأْتِيَكُمُ اْلْعَذَابُ ثُمَّ لَا تُنصَرُونَ ٥٤ وَاْتَّبِعُوٓاْ أَحْسَنَ مَآ أُنزِلَ إِلَيْكُم مِّن رَّبِّكُم مِّن قَبْلِ أَن يَأْتِيَكُمُ اْلْعَذَابُ بَغْتَةٗ وَأَنتُمْ لَا تَشْعُرُونَ} [الزمر: 53-55]:

عن عُمَرَ بن الخطَّابِ رضي الله عنه، قال: «لمَّا اجتمَعْنا للهجرةِ، اتَّعَدتُّ أنا وعيَّاشُ بنُ أبي ربيعةَ وهشامُ بنُ العاصِ المِيضأةَ، مِيضأةَ بني غِفَارَ فوقَ سَرِفَ، وقُلْنا: أيُّكم لم يُصبِحْ عندها فقد احتبَسَ؛ فَلْيَمضِ صاحِباه، فحُبِسَ عنَّا هشامُ بنُ العاصِ.

فلمَّا قَدِمْنا مَنزِلَنا في بني عمرِو بنِ عوفٍ، وخرَجَ أبو جهلِ بنُ هشامٍ والحارثُ بنُ هشامٍ إلى عيَّاشِ بنِ أبي ربيعةَ، وكان ابنَ عَمِّهما وأخاهما لأُمِّهما، حتى قَدِمَا علينا المدينةَ، فكلَّماه، فقالا له: إنَّ أُمَّك نذَرتْ ألَّا تَمَسَّ رأسَها بمُشْطٍ حتى تَراكَ، فرَقَّ لها، فقلتُ له: يا عيَّاشُ، واللهِ، إن يريدُك القومُ إلا عن دِينِك؛ فاحذَرْهم؛ فواللهِ، لو قد آذى أمَّك القَمْلُ لَامتشَطتْ، ولو قد اشتَدَّ عليها حرُّ مكَّةَ، أحسَبُه قال: لاستَظلَّتْ، قال: إنَّ لي هناك مالًا فآخُذُه، قال: قلتُ: واللهِ، إنَّك لَتَعلَمُ أنِّي مِن أكثَرِ قُرَيشٍ مالًا؛ فلك نصفُ مالي، ولا تَذهَبْ معهما، فأبى إلا أن يخرُجَ معهما، فقلتُ له لمَّا أبى عليَّ: أمَا إذ فعَلْتَ ما فعَلْتَ، فخُذْ ناقتي هذه؛ فإنَّها ناقةٌ ذَلُولٌ؛ فالزَمْ ظَهْرَها، فإن رابَك مِن القومِ رَيْبٌ، فانْجُ عليها.

فخرَجَ معهما عليها، حتى إذا كانوا ببعضِ الطريقِ، قال أبو جهلِ بنُ هشامٍ: واللهِ، لقد استبطأتُ بعيري هذا، أفلا تَحمِلُني على ناقتِك هذه؟ قال: بلى، فأناخَ وأناخَا؛ ليَتحوَّلَ عليها، فلمَّا استوَوْا بالأرضِ عَدَيَا عليه، فأوثَقاه، ثم أدخَلاه مكَّةَ، وفتَنَاه فافتتَنَ، قال: فكنَّا نقولُ: واللهِ، لا يَقبَلُ اللهُ ممَّن افتتَنَ صَرْفًا ولا عَدْلًا، ولا يَقبَلُ توبةَ قومٍ عرَفوا اللهَ ثم رجَعوا إلى الكفرِ لبلاءٍ أصابهم.

قال: وكانوا يقولون ذلك لأنفسِهم، فلمَّا قَدِمَ رسولُ اللهِ ﷺ المدينةَ، أنزَلَ اللهُ عز وجل فيهم وفي قولِنا لهم وقولِهم لأنفسِهم: {يَٰعِبَادِيَ اْلَّذِينَ أَسْرَفُواْ عَلَىٰٓ أَنفُسِهِمْ لَا تَقْنَطُواْ مِن رَّحْمَةِ اْللَّهِۚ إِنَّ اْللَّهَ يَغْفِرُ اْلذُّنُوبَ جَمِيعًاۚ إِنَّهُۥ هُوَ اْلْغَفُورُ اْلرَّحِيمُ} [الزمر: 53] إلى قولِه: {وَأَنتُمْ لَا تَشْعُرُونَ} [الزمر: 55].

قال عُمَرُ: فكتَبْتُها في صحيفةٍ، وبعَثْتُ بها إلى هشامِ بنِ العاصِ، قال هشامٌ: فلَمْ أزَلْ أقرَؤُها بذِي طُوًى أصعَدُ بها فيه حتى فَهِمْتُها، قال: فأُلقِيَ في نفسي أنَّها إنَّما نزَلتْ فينا، وفيما كنَّا نقولُ في أنفسِنا، ويقالُ فينا، فرجَعْتُ فجلَسْتُ على بعيري، فلَحِقْتُ برسولِ اللهِ ﷺ بالمدينةِ». أخرجه البزار (١٥٥).

* قوله تعالى: {وَمَا قَدَرُواْ اْللَّهَ حَقَّ قَدْرِهِۦ وَاْلْأَرْضُ جَمِيعٗا قَبْضَتُهُۥ يَوْمَ اْلْقِيَٰمَةِ وَاْلسَّمَٰوَٰتُ مَطْوِيَّٰتُۢ بِيَمِينِهِۦۚ سُبْحَٰنَهُۥ وَتَعَٰلَىٰ عَمَّا يُشْرِكُونَ} [الزمر: 67]:

عن عبدِ اللهِ بن مسعودٍ رضي الله عنه، قال: «أتى النبيَّ صلى الله عليه وسلم رجُلٌ مِن أهلِ الكتابِ، فقال: يا أبا القاسمِ، أبلَغَك أنَّ اللهَ عز وجل يَحمِلُ الخلائقَ على إصبَعٍ، والسَّمواتِ على إصبَعٍ، والأرَضِينَ على إصبَعٍ، والشَّجَرَ على إصبَعٍ، والثَّرى على إصبَعٍ، قال: فضَحِكَ النبيُّ صلى الله عليه وسلم حتى بدَتْ نواجذُه، قال: فأنزَلَ اللهُ تعالى: {وَمَا قَدَرُواْ اْللَّهَ حَقَّ قَدْرِهِۦ وَاْلْأَرْضُ جَمِيعٗا قَبْضَتُهُۥ يَوْمَ اْلْقِيَٰمَةِ} [الزمر: 67] إلى آخرِ الآيةِ». أخرجه البخاري (٧٤١٥).

* سورة (الزُّمَر):

سُمِّيت سورةُ (الزُّمَر) بهذا الاسم؛ لأنَّ اللهَ ذكَر فيها زُمْرة السُّعداء من أهل الجنة، وزُمْرة الأشقياء من أهل النار.

* كان صلى الله عليه وسلم لا ينامُ حتى يَقرأَ (الزُّمَر):

عن عائشةَ أمِّ المؤمنين رضي الله عنها، قالت: «كان النبيُّ ﷺ لا ينامُ حتى يَقرأَ الزُّمَرَ، وبني إسرائيلَ». أخرجه الترمذي (٣٤٠٥).

1. القرآن تنزيلٌ من الله تعالى، والعبادة له وَحْده (١-٤).

2. آيات الله تعالى في الآفاق والأنفس (٥-٧).

3. مقارنة بين المؤمن والكافر (٨-٩).

4. إرشادٌ للمؤمنين، ووعيد لعبَدةِ الأصنام (١٠-٢٠) .

5. دلائل وَحْدانية الله تعالى، وقُدْرته (٢١).

6. حال المؤمنين مع القرآن، عذاب الكافرين (٢٢-٢٦).

7. ضَرْبُ الأمثال للتذكير (٢٧-٣١).

8. وعيدٌ للمشركين، ووعد للمؤمنين (٣٢-٣٧).

9. ضَلال المشركين، وتهديد الله لهم (٣٨-٤٠).

10. مظاهر قدرة الله تعالى (٤١-٤٨).

11. الإنسان بين الضَّراء والسَّراء (٤٩-٥٢).

12. دعوة للرجوع إلى الله تعالى (٥٣-٥٩).

13. دلائلُ ألوهية الله تعالى، ووَحْدانيته (٦٠-٦٧).

14. أهوال الآخرة، ومآل الأشقياء والسُّعداء (٦٨-٧٥).

ينظر: "التفسير الموضوعي لسور القرآن الكريم" لمجموعة من العلماء (6 /478).

مقصدُ سورة (الزُّمَر) هو الدَّلالة على صِدْقِ الله عزَّ وجلَّ في وعدِه؛ فحاشاه أن يفُوتَه شيء، أو أن يُخلِفَ وعدَه، وقد أعذَرَ إلى الكفار بإنذارِهم بالحشر، وهو واقعٌ حاصل بتقسيم الناس إلى زُمَرٍ على ما يستحِقُّون من أعمالهم: زُمْرة المتقين الأبرار، وزُمْرة الكفار الأشرار.

ينظر: "مصاعد النظر للإشراف على مقاصد السور" للبقاعي (2 /423).