ترجمة سورة لقمان

الترجمة الأورومية

ترجمة معاني سورة لقمان باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية.
من تأليف: غالي ابابور اباغونا .

Alif Laam Miim.
Kun keeyyattoota kitaaba ogummaan guutameeti.
Isaan toltuu hojjataniif qajeelumaafi rahmata haala ta’een (buufame)
Isaan warra salaata (haqaan) sagadaniifi zakaas kennataniidhaIsaan isaanumatu Aakhiraa dhugoomsa.
Isaan sun qajeeluma Gooftaa isaanii irraa ta’e irra jiruIsaan sun isaanumatu milkaa’oodha.
Namoota irraa nama beekumsaan ala karaa Rabbii irraa ittiin jallisuufi meeshaa taphaa taasifachuuf jecha haasa’a taphaa bitutu jiraIsaan sana adabbii xiqqeessaatu isaaniif jira.
Yeroo keeyyattoonni keenya isa irratti dubbifamte, akka waan hin dhaga’iniitti akka waan gurra isaa lamaan keessa duudummaan jiruu, boonaa ta’ee irraa garagalaAdabbii laalessaan isa gammachiisi.
Dhugumatti, isaan amananii gaggaarii hojjatan ashaakiltiilee qananiitu isaaniif jira
Ishee keessatti hafoo ta’anii (ishee seenu)Rabbiin waadaa dhugaa isaaniif galeInni injifataa, ogeessa
Samii utubaalee malee uumne; (isin) ishee ni agartuGaarreen gadi dhaabbatoo ta’an akka dachiin isiniin hin sochooneef keessa kaa’eLubbu qabeeyyii hunda irraas ishee keessatti facaaseBishaanis Samii irraa buufnee, gosoota gaggaarii hunda ishee keessatti magarsine
Kun uumaa RabbiitiMee waan isaan Isaa gadii uuman na agarsiisaaDhugumatti miidhaa hojjattoonni jal’ina ifa galaa keessa jiru
“Rabbiif galata galchiNamni (Rabbiin) galateeffate kan inni galateeffatu matuma isaatiifi; Namni kafares (matuma isaa irratti)Dhugumatti Rabbiin dureessa, faarfamaadha” (jechuun) dhugumatti Luqmaaniif ogummaa kenninee jirra.
Yeroo Luqmaan ilma isaatiin odoo isa gorsuu “yaa ilma kiyya! Allaahiitti waa hin qindeessin; dhugumatti shirkiin miidhaa guddaadha” jedhe [yaadadhu].
Namaafis haadhaafi abbaa isaatti (tola ooluu) dhaamnee jirra; haati isaas dadhabbii dadhabbii irratti ta’een isa baadhatteHarma irraa gu’uun isaas waggaa lama keessatti“Anaafi haadhaa abbaa keetiif galata galchiDeebiinis gara kiyyatti” jechuun isa ajajne.
Yoo isaan lamaan waan beekumsa isaa hin qabne akka Natti qindeessituuf sitti qabsaawan, tole isaaniif hin jedhinAddunyaa keessatti haala gaariin isaan waliin jiraadhuKaraa nama gara kiyya deebi’ee hordofiSana booda deebiin keessan gara kiyya; waan isin dalagaa turtan isinittin odeessa.
(Luqmaanis) “yaa ilma kiyya! isheen (badiin) yoo hanga madaala ija raafuu taatee, yoo dhagaa yookiin samii yookiin dachii keessa taates, Rabbiin ishee fidaRabbiin maalummaa ishee beekaa iddoo ishees beekaadha.
Yaa ilma kiyya! Salaata sirritti sagadiToltuutti nama ajajiHamtuu irraas nama dhorgiWaan si mudate irrattis obsiDhugumatti, sun wantoota jajjaboo (murannoo gaafatan) irraayyi.
[Boonaan] maddii (boqoo) kee namoota irraa gara hin galchin; dachii keessas of tuulaa hin deeminDhugumatti, Rabbiin of tuulaa, of dhaadaa hunda hin jaallatu.
Deemsa kee keessatti giddu galeessa ta’ii sagalee keetis gadi qabiDhugumatti irra jibbamaan sagalee sagalee harreeti.”
Sila akka Rabbiin wantoota samii keessaatiifi wantoota dachii keessaas isaaniif laaffisee, tola isaa mul’attuufi dhokattuus isin irratti dhangalaase hin argitanuu? Namoota irraas nama beekumsa, ragaafi kitaaba ibsaa ta’een maletti (waa’ee) Rabbii keessatti falmutu jira
Yeroo “Waan Rabbiin buuse hordofaa” isaaniin jedhame “Lakkisaa; nuti waan abbootii keenya isarratti argine hordofna” jedhuOduma Sheyxaanni gara adabbii boba’aatti kan isaan waamullee ta’ee moo?
Namni toltuu hojjataa fuula isaa gara Rabbiitti kenne (bute) dhugumatti funyoo cimaa qabateera; booddeen wantoota hundaatuu gara Rabbiiti.
Namni kafare kufriin isaa si hin yaachisinDeebiin isaaniis gara keenya; waan isaan dalaganis isaanitti ni odeessinaDhugumatti Allaahn beekaa waan qoma keessaati.
Yeroo xiqqoof isaan ni qanansiifnaSana booda gara adabbii guddaatti isaan dirqisiifna.
“Samiifi dachii eenyutu uume?” (jettee) yoo isaan gaafatte “Rabbi” jedhu(Yaa Muhammad!) “Faaruun hundi kan Rabbiiti” (jedhi)Garuu irra hedduun isaanii hin beekanu.
Wantoonni samiifi dachii keessa jiran (hundi) kan AllaahtiDhugumatti, Rabbiin Isatu dureessa, faarfamaadha.
Odoo wanti dachii keessa jiru muka irraa qalamii ta’ee, galaannis booda isaatii kan galaanni torba jiru itti ida’amuudhaan (gargaaree ittiin barreeffameeyyuu) jechoonni Rabbii hin dhumuRabbiin injifataa beekaadha.
Isin uumuufi isin kaasuunis akkuma lubbuu tokkittii malee hin taaneDhugumatti, Rabbiin dhaga’aa, argaadha.
Sila Rabbiin halkan guyyaa keessa seensisee guyyaas halkan keessa seensisuu, aduufi ji’as haala hundumtuu hanga beellama beekamaatti deemanuun kan isaan laaffise ta’uufi Rabbiin wanta isin hojjattan hunda keessa beekaa ta’uu hin arginee?
Kun waan Rabbiin Isatu dhugaa ta’eefi wantoonni Isaa gaditti isaan waammatan soba ta’eefiAmmas dhugumatti waan Allaahn Isatu ol ta’aa, guddaa ta’eefi.
Sila (Rabbiin) mallattoollee Isaa irraa isinitti agarsiisuuf akka dooniin tola Rabbiitiin galaana keessa deemtu hin arginee? Dhugumatti, kana keessa akkaan obsitoota, galateeffattootaaf mallattooleetu jira.
Yeroo danbaliin akka gaaraa isaan haguuge amantaa (kadhaa) Isaaf qulqulleessanii Allaah qofa kadhatuYeroma inni gara dachiitti nagaan isaan baase immoo, isaan irraa nama (kadhaa isaa iirraa) of qusatutu jiraMallattoolee keenya hundaayyuu waadaa diigaa, kafaraa malee hin mormu
Yaa namootaa! Gooftaa keessan sodaadhaaGuyyaa abbaan ilma isaa homaa hin fayyadne, kan ilmis abbaa isaa homaa hin fayyadne sanis sodaadhaaDhugumatti waadaan Rabbii dhugaadhaJiruun addunyaa isin hin gowwoomsin(Sheyxaanni) gowwomsaan (obsa) Rabbiitiin isin hin gowwoomsin
Dhugumatti, Rabbiin beekumsi Qiyaamaa Isuma bira jiraRoobas ni buusa; waan gadaamessa keessa jirus ni beekaLubbuun tokko waan boru carraaqqattu hin beektuLubbuun tokko dachii kamitti akka duutus hin beektuDhugumatti, Rabbiin beekaa, keessa hubataadha.
سورة لقمان
معلومات السورة
الكتب
الفتاوى
الأقوال
التفسيرات

سورةُ (لُقْمانَ) من السُّوَر المكية، وقد جاءت ببيانِ عظمة هذا الكتاب، واتصافه بالحِكْمة، ومن ثَمَّ إثبات صفة الحِكْمة لله عز وجل، كما ذكرت السورةُ الكريمة وصايا (لُقْمانَ) الحكيمِ لابنه، التي يجدُرُ بكلِّ مَن آمَن بهذا الكتاب أن يأخذ بها، وقد تعرَّضتِ السورةُ لدلائلِ وَحْدانية الله وعظمته في هذا الكون، وبيان أقسام الناس، وموقفهم من الكتاب؛ من مؤمنٍ به وكافر.

ترتيبها المصحفي
31
نوعها
مكية
ألفاظها
550
ترتيب نزولها
57
العد المدني الأول
33
العد المدني الأخير
33
العد البصري
34
العد الكوفي
34
العد الشامي
34

* قوله تعالى: {يَٰبُنَيَّ لَا تُشْرِكْ بِاْللَّهِۖ إِنَّ اْلشِّرْكَ لَظُلْمٌ عَظِيمٞ} [لقمان: 13]:

عن عبدِ اللهِ بن مسعودٍ رضي الله عنه، قال: «لمَّا نزَلتِ: {اْلَّذِينَ ‌ءَامَنُواْ ‌وَلَمْ ‌يَلْبِسُوٓاْ إِيمَٰنَهُم بِظُلْمٍ} [الأنعام: 82]، شَقَّ ذلك على المسلمين، فقالوا: يا رسولَ اللهِ، أيُّنا لا يَظلِمُ نفسَه؟ قال: «ليس ذلك؛ إنما هو الشِّرْكُ؛ ألَمْ تَسمَعوا ما قال لُقْمانُ لابنِهِ وهو يَعِظُه: {يَٰبُنَيَّ لَا تُشْرِكْ بِاْللَّهِۖ إِنَّ اْلشِّرْكَ لَظُلْمٌ عَظِيمٞ} [لقمان: 13]؟!»». أخرجه البخاري (٣٤٢٩).

* سورة (لُقْمانَ):

سُمِّيتْ سورةُ (لُقْمانَ) بهذا الاسم؛ لذكرِ (لُقْمانَ) فيها، ولم يُذكَرْ في سورة أخرى.

* قراءة النبيِّ صلى الله عليه وسلم لها في صلاة الظُّهْرِ:

عن البَراء بن عازبٍ رضي الله عنهما، قال: «كان رسولُ اللهِ ﷺ يُصلِّي بنا الظُّهْرَ، فنَسمَعُ منه الآيةَ بعد الآياتِ مِن سورةِ لُقْمانَ، والذَّاريَاتِ». أخرجه النسائي (٩٧١).

اشتمَلتْ سورةُ (لُقْمانَ) على الموضوعات الآتية:

1. المحسِنون: تعريفٌ وجزاء (١-٥).

2. فريق اللَّهْوِ من الناس (٦-٧).

3. آية الحِكْمة والقُدْرة (٨-١١).

4. نعمة الحِكْمة، والدعوةُ إلى شُكْرها (١٢-١٩).

5. إسباغ النِّعَم (٢٠-٢١).

6. الإنسان بين الكفرِ والإيمان (٢٢-٢٦).

7. كلمات الله التى لا تَنفَدُ (٢٧- ٢٨).

8. نعمة التسخير (٢٩- ٣٢).

9. المُغيَّبات وغُرور الحياة (٣٣-٣٤).

ينظر: "التفسير الموضوعي لسور القرآن الكريم" لمجموعة من العلماء (6 /27).

جاءت سورةُ (لُقْمانَ) بمقاصِدَ عظيمةٍ؛ منها: إثباتُ الحِكْمة للكتاب، التي يلزم منها حِكْمةُ مُنزِلِه في أقواله وأفعاله؛ وهو اللهُ عزَّ وجلَّ.

ومنها: تذكيرُ المشركين بدلائلِ وَحْدانية الله تعالى، وبنِعَمِه عليهم؛ من خلال وصايا (لُقْمانَ) عليه السلام لابنه، وذكَرتْ مزيَّةَ دِين الإسلام، وتسليةَ الرسول صلى الله عليه وسلم بتمسُّك المسلمين بالعُرْوة الوثقى، وأنه لا يُحزِنه كفرُ مَن كفروا.

ينظر: "مصاعد النظر للإشراف على مقاصد السور" للبقاعي (2 /356)، "التحرير والتنوير" لابن عاشور (21 /139).