ترجمة سورة إبراهيم

الترجمة الأورومية

ترجمة معاني سورة إبراهيم باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية.
من تأليف: غالي ابابور اباغونا .

Alif Laam Raa(Inni) kitaaba akka ati nama hayyama Gooftaa isaanitiin dukkana (kufrii) irraa gara ifaa (Islaamaa), gara karaa (Rabbii) injifataa, faarfamaa ta’ee baaftuuf gara keetti buufneedha
Rabbiin Isa wanti samii keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru hundi kan Isaa ta’eedhaBadiin adabbii cimaa irraa ta’e kaafirootaaf qophaa’eera.
Isaan warra jireenya addunyaa kanaa isa Aakhiraa irra jaalatanii, karaa Rabbii irraa (namoota) deebisaniifi jallina ta’uu ishee barbaadaniidhaIsaan sun jallina fagoo keessa jiru
Nuti ergamaa irraa tokkos akka inni (ergaa keenya) isaaniif addeessuf jecha afaan ummata isaatiin malee hin ergineRabbiin nama fedhe ni jallisa; nama fedhe immoo ni qajeelchaInnis injifataa, ogeessa.
Nuti dhugumatti Muusaa raajiwwan keenyaan “Ummata kee dukkana irraa gara ifaatti baasi, Guyyoota Rabbiitiin isaan yaadachiisi” jechuun erginee jirraDhugumatti, kana keessa warra akkaan obsanii, cimsanii galateeffatan hundaaf mallattooleetu jira.
Yeroo Muusaan ummata isaatiin jedhes [yaadadhu]:“Ni’imaa Rabbii kan yeroo adabbii laalessaa isin dhandhamsiisaa; ilmaan keessan qaqqalaa; dubartoota keessan lubbuun akka jiraatan kan dhiisan ta’anii ummata Fir’awni irraa isin baraarse of irratti yaadadhaaKana keessa mokkoroo guddaa Gooftaa keessan irraa ta’etu jira
Ammas yeroo Gooftaan keessan lallabee: “Yoo na galateeffattan, (ni’imaa kiyya irraa) isiniifin dabalayoo natti kafartan, dhugumatti adabbiin kiyya akkaan hamaadha” (jedhe yaadadhaa).
Muusaanis “Yoo isiniifi namoonni dachii irra jiran walumaa galatti kafartan (Rabbiin homaa hin miitan)” jedhedhugumatti Rabbiin dureessa, faarfamaadha.
Sila oduun warra isin dura turanii isin hin geenyee? (Oduun) Kan ummata Nuuh, Aad, Samuudiifi warra isaan boodaa kan Rabbiin malee homtuu isaan hin beekne (isin hin geenyee)? Ergamoonni isaanii ragaawwan ifa ta’aniin itti dhufanii harka isaanii afaan isaanii keessatti deebisani“Dhugumatti, nuti isa isin ittiin ergamtanitti kafarree jirraAmmas nuti isa isin itti nu waamtan irraa mamii dhamaasaa keessa jirra” jedhan.
Ergamoonni isaaniis ni jedhan: “Sila Rabbii uumaa samiifi dachii ta’e, kan badii keessan irraa isiniif araaramuufi hanga yeroo murtaa’ee isin tursiisuuf isin waamu (jiraachuu isaa) keessa shakkiin jiraa?” [Isaan] “Isin namuma akka keenyaa kan waan abbootiin keenya gabbaraa turan irraa nu dhorguu barbaadu malee homaa hin taane; mee ragaa ifa ta’een nutti kottaa” jedhan.
Ergamoonni isaanii isaanin ni jedhan: “Nuti nama akka keessanii malee homaa hin taaneGaruu Rabbiin gabroota Isaa irraa nama fedhe irratti tola oolaNuti hayyama Rabbiitiin ala taaytaa (ragaa) tokkoonis isinitti dhufuun nuuf hin taaneMu’uminoonni Rabbi irratti (qofa) haa hirkatanu.
Sila dhugumatti odoo Inni karaa keenya nu qajeelchee jiruu maaltu nuuf jiraayyi Rabbi irratti hin hirkanne! Dhugumatti rakkoo isin nurrraan geessan irratti ni obsinaHirkattoonni Rabbi irratti haa hirkatu.”
Warri kafaran ergamtoota isaaniitiin “dhugumatti, nuti dachii keenya irraa isin baafna yookiin gara amantii keenyaa akka deebitan” jedhanRabbiin isaaniis “Nuti dhugumatti miidhaa hojjattoota ni balleessina” jechuu beeksisa gara isaanitti godhe.
“Dhugumatti isaan booda dachittii irra isin qubsiifnaKun nama Na dura dhaabbachuu sodaateefi dinniina kiyyas sodaateefi.”
(Ergamoonnis Rabbi irraa) deeggarsa barbaadanOf tuulaan, mormaan hundi ni hoonga’e.
Fuuldura isaas jahannamtu jiraBishaan malaa irraas obaafama.
Fedha isaatiin ala liqimsuutti dirqama; gadi isa liqimsuuttis hin dhiyaatu (hin danda’u)Duuti kallattii hunda irraa isatti dhufaInnis kan du’uu mitiFuuldura isaas adabbii guddaa ta’etu jira
Fakkeenyi warra Rabbii isaaniitti kafaranii, dalagaaleen isaanii akka daaraa guyyaa bubbee cimaa qilleensi itti hammaatteetiWaan hojjatan irraa homaattuu (fayyadamuu) hin danda’anKun isatu jallina fagoodha
Sila dhugumatti Rabbiin samiifi dachii dhugaan uumuu hin argituu? (Rabbiin) yoo fedhe isin adeemsiseetiin uumama haaraa fida.
Kunis Rabbi irratti jabaa hin taane.
Hunda ta’anii Rabbiif mul’atandadhaboonnis isaan boonaniin “dhugumatti, nuti hordoftoota keessan turree, sila isin adabbii Rabbii irraa homa tokko nurraa deebisoo dhaa?” jedhan(Isaan boonanis) “Odoo Rabbiin nu qajeelchee, silaa nutis isin qajeelchina turre(Har’a) obsinus obsuu baannus nurratti waluma qixaIddoon baqannaa tokkos nuuf hin jiru” jedhu.
yeroma dhimmichi murteeffamu sheyxaanni ni jedhe: “Dhugumatti, Rabbiin waadaa dhugaa isiniif galeera; anis waadaa isiniif galeen isin ganeIsin waamnaanuma naaf owwaattan malee anaaf isin irratti aangoon tokkollee hin taaneofuma komadhaa malee ana hin komatinaaAni isiniif birmataa miti; isiniis naaf birmatoo mitiAni waan isin duraan (Rabbitti) na qindeessitan mormeera.” Dhugumatti, miidhaa raawwattoonni adabbii laalessaatu isaaniif jira.
Isaan amananii gaggaarii hojjatanis hayyama Gooftaa isaaniitiin ishee keessatti kan hafan ta’anii jannata laggeen ishee keessa yaatu seensifamanWal kabajaan isaanii ishee keessatti ‘salaam’ (jechuu dha).
Sila akka Rabbiin jecha gaarii akka muka gaarii hundeen ishee gadi dhaabbataa ta’ee dameen ishees samii keessatti ta’eetti fakkeenya godhe hin arginee?
Yeroo hundas hayyama Gooftaa isheetiin firii ishee ni kennitiAkka gorfamanuuf jecha Rabbiin fakkeenya namootaaf godha.
Fakkeenyi jecha fokkataa akka muka fokkataa gubbaa dachii irraa buqqifamtee isheedhaaf gadi dhaabannaan hin taaneeti.
Warra amanan jireenya addunyaafi Aakhiraa keessatti jecha gadi dhaabbataadhaan Rabbiin gadi (isaan) dhaabaRabbiin miidhaa hojjattoota ni jallisaRabbiin waan fedhe hojjata.
Sila gara isaan ni’imaa Rabbii kufriin jijjiiranii, ummata isaanii ganda badii qubsiisanii hin ilaallee?
Ishee kan seenan ta’anii Jahannamiin (seensisfaman)Iddoon qubannaa waa fokkate!
Karaa Isaa irraa (namoota) jallisuuf Rabbiif hiriyoota godhan“Dhugumatti deebiin keessan gara ibiddaatii (yeroo xiqqoof) qanani’aa!” jedhiin
(Yaa Muhammad!) gabroota kiyya warreen amananiin “odoo guyyaan bittaa gurgurtaafi jaalalleen isa keessa hin jirre hin dhufin dura salaata ni dhaaban, waan Nuti isaaniif kennine irraas kan dhoksaniifi mul’isan ta’anii ni arjoomu (sagadaa, arjoomaa)” jedhiin.
Rabbiin Isa samiifi dachii uumee samii irraas bishaan (rooba) buusee ittiin fuduraa irraa soorata isiniif baaseedhaDooniis akka ajaja Isaatiin galaana keessa deemtu isiniif laaffise; laggeenis isiniif laaffise.
Aduufi ji’as walitti fufuun kan deeman ta’anii isiniif laaffisee halkaniifi guyyaas isiniif laaffise.
Waan isin Isa kadhattan hunda irraa isiniif kenneTola Rabbii odoo lakkooftaniis ishee fixuu hin dandeessanuDhugumatti, namoonni daran miidhaa hojjataa daran kafaraadha.
Yeroo Ibraahiim jedhu [yaadadhu]:“Gooftaa kiyya! Biyya kana (Makkaan) tasgabbaa’aa taasisiAnaafi ilmaan kiyyaas taabota gabbaruu irraa nu fageessi.
Gooftaa kiyya! Dhugumatti, isaan hedduu nama irraa ta’e jallisanii jiru; Namni na hordofe, inni anarraayyiNama na dide immoo dhugumatti Ati araaramaa, rahmata godhaadha.
Gooftaa keenya! Ani garii maatii kiyya irraa ta’e bowwaa (laga) qonna hin qabne, mana kee kabajamaa biratti dhiiseen jiraGooftaa keenya! Akka salaata gadi dhaabaniif jecha nama irraas onnee (isaanii) kan gara isaanii hawwitu taasisi; Akka isaan Si galateeffataniif fuduraalee irraas isaan soori.
Gooftaa keenya! Ati waan nuti dhoksinuufi waan nuti ifa goonu ni beektaRabbi irratti dachii keessattis ta’ee samii keessatti homtuu hin dhokatu
Faaruun (hundi) kan Rabbii manguddummaa irratti Ismaa’iiliifi Isihaaqiin naaf kenneetiDhugumatti, Gooftaan kiyya kadhaa dhaga’aadha
Gooftaa kiyya! Kan salaata dhaabu na godhiIlmaan kiyya irraas (akkasuma)Gooftaa keenya! kadhaa kiyyas narraa qeebali.
Gooftaa keenya! Anaaf, haadhaafi abbaa kiyyaafi mu’uminoota hundaafis guyyaa qormaanni godhamu san araarami.”
Rabbiin Waan miidhaa hojjattoonni raawwatan irraa dagataa ta’uu hin yaadinKan Rabbiin isaan tursiisuuf guyyaa isa keessa ijji banamtuufi ol fuudhamtuufi.
(Gara waamichaatti) mataa isaanii kan ol kaasan ta’anii (ijji isaanii ol kaati)Ijji isaaniis gara isaaniitti hin deebituQalbiin (sammuun) isaaniis duwwaadha.
Guyyaa adabichi isaanitti dhufee, warri miidhaa hojjatan: “Gooftaa keenya! hanga beellama muraasaatti nu tursiisi; waamicha Kee awwaannee ergamoota keetis hordofna” jedhan sana namoota akeekkachiisi“Sila isin kanaan dura (addunyaa irraa) deemsi nuuf hin jiru jechuun kakachaa hin turree?
Manneen warra lubbuu ofii miidhanii keessas hin jiraannee? Akkam akka isaanitti hojjannes ifa isiniif ta’eeraFakkeenya hedduus isiniif gooneerra” (jedhamaan).
(Isaan) dhugumatti mala isaanii malaniiruMalli isaanii (galanni isaa) Rabbiin bira jiraTooftaan isaaniis kan gaarri isa irraa bakka deemtuu miti.
Rabbiin waadaa Isaa kan ergamtoota Isaatiif gale diigaa ta’uu hin yaadinDhugumatti, Rabbiin injifataa, abbaa haaloo bahannaati.
Guyyaa dachiin dachii biraatti jijjiiramtee samiinis (akkasuma taatee), Rabbii tokkicha, injifataa ta’eef (uumamni hundi) walitti qabamanii mul’atan [yaadadhu].
Guyyaa san badii hojjattoota takaallaa keessatti kan walitti qindaa’an ta’anii argita.
Qamiisni isaaniis “qanxiraana” (reenjii) irraayyiIbiddis fuula isaanii ni haguugdi
Rabbiin lubbuu hunda waan isheen dalagdeen mindaa galchuuf (kana godhe)Dhugumatti, Rabbiin herregni isaa saffisaadha.
(Qur’aanni) kun akka ittiin akeekkachiifamanu, Inni (Rabbiin) gabbaramaa tokkicha ta’uu akka beekaniifi warri sammuu qaban akka ittiin gorfamaniif namaaf qaqqabsiifamaadha (gahaa dha).
سورة إبراهيم
معلومات السورة
الكتب
الفتاوى
الأقوال
التفسيرات

سورةُ (إبراهيمَ) مِن السُّوَر المكية، وجاءت هذه السورةُ الكريمة على ذِكْرِ مسائل الاعتقاد، والتوحيد، وآياتِ الله عز وجل في هذا الكونِ، كما دعَتْ إلى اتباع الدِّين الخالص: {مِلَّةَ ‌إِبْرَٰهِيمَ ‌حَنِيفٗاۖ}، وقد سُمِّيتْ باسمه عليه السلام، ودعت إلى اتباع الطريق الحقِّ التي دعا إليها كلُّ الأنبياء، كما أورَدتْ ذِكْرَ الجنة والنار، وحال كلٍّ من الفريقين؛ ترغيبًا في الاتباع والطاعة، وترهيبًا عن المعصية والمخالفة، واحتوت على ذِكْرِ عظمة الله في هذا الكونِ الفسيح؛ تثبيتًا للنبيِّ صلى الله عليه وسلم، ومَن والاه.

ترتيبها المصحفي
14
نوعها
مكية
ألفاظها
831
ترتيب نزولها
72
العد المدني الأول
54
العد المدني الأخير
54
العد البصري
51
العد الكوفي
52
العد الشامي
55

* قوله تعالى: {يُثَبِّتُ اْللَّهُ اْلَّذِينَ ءَامَنُواْ بِاْلْقَوْلِ اْلثَّابِتِ فِي اْلْحَيَوٰةِ اْلدُّنْيَا وَفِي اْلْأٓخِرَةِۖ} [إبراهيم: 27]:

عن البَراءِ بن عازبٍ رضي الله عنهما، قال: «نزَلتْ في عذابِ القَبْرِ، فيقال له: مَن رَبُّك؟ فيقول: رَبِّي اللهُ، ونَبيِّي محمَّدٌ ﷺ؛ فذلك قولُهُ عز وجل: {يُثَبِّتُ اْللَّهُ اْلَّذِينَ ءَامَنُواْ بِاْلْقَوْلِ اْلثَّابِتِ فِي اْلْحَيَوٰةِ اْلدُّنْيَا وَفِي اْلْأٓخِرَةِۖ} [إبراهيم: 27]». أخرجه مسلم (٢٨٧١).

* سورة (إبراهيمَ):

سُمِّيتْ سورة (إبراهيمَ) بذلك؛ لأنها تحدَّثتْ - بشكل رئيسٍ - عن سيدنا (إبراهيمَ) عليه السلام، وعَلاقةِ ذلك بالتوحيد.

جاءت موضوعاتُ سورة (إبراهيم) على النحوِ الآتي:

1. منزلة القرآن الكريم، وحُجِّيته على الناس جميعًا (١-٤).

2. دعوة الرُّسل في الإخراج من الظُّلمات إلى النور (٥-٨).

3. استفتاح الرسل بالنصر على أعدائهم (للدعاة) (٩-١٨).

4. نعيم أهل الجنة، وعذاب أهل النار (١٩- ٣١).

5. عظمة الله في الكون، ونِعَمُه على خَلْقه (٣٢- ٣٤).

6. نبأ إبراهيم عليه السلام في دعوته (٣٥- ٤١).

7. صُوَر من مشاهدِ يوم القيامة (٤٢-٥٢).

ينظر: "التفسير الموضوعي للقرآن الكريم" لمجموعة من العلماء (4 /1).

مقصودُ سورة (إبراهيمَ) هو التوحيدُ، وبيانُ أن هذا الكتابَ غايةُ البلاغ إلى الله؛ لأنه كافل ببيان الصراط الدالِّ عليه، المؤدي إليه، وأدلُّ ما فيها على هذا المَرامِ: قصةُ (إبراهيم) عليه السلام.

أما أمرُ التوحيد في قصة (إبراهيم) عليه السلام: فواضحٌ في آيات كثيرة من القرآن، والتوحيدُ هو ملَّةُ (إبراهيمَ) عليه السلام، التي حكَم اللهُ تعالى على مَن رَغِب عنها بقوله: {وَمَن ‌يَرْغَبُ ‌عَن مِّلَّةِ إِبْرَٰهِـۧمَ إِلَّا مَن سَفِهَ نَفْسَهُۥۚ} [البقرة: 130]. وقال الله تعالى في هذه السُّورةِ مبينًا حِرْصَ (إبراهيمَ) عليه السلام على التوحيد: {وَإِذْ قَالَ إِبْرَٰهِيمُ رَبِّ اْجْعَلْ هَٰذَا اْلْبَلَدَ ءَامِنٗا وَاْجْنُبْنِي وَبَنِيَّ أَن نَّعْبُدَ اْلْأَصْنَامَ (35) ​رَبِّ إِنَّهُنَّ أَضْلَلْنَ كَثِيرٗا مِّنَ اْلنَّاسِۖ فَمَن تَبِعَنِي فَإِنَّهُۥ مِنِّيۖ وَمَنْ عَصَانِي فَإِنَّكَ غَفُورٞ رَّحِيمٞ (36)} [إبراهيم: 35-36].

وأما أمرُ الكتاب: فلأنه من جملةِ دعائه لذريتِه الذين أسكَنهم عند البيت المُحرَّم؛ ذريةِ (إسماعيلَ) عليه السلام: {رَبَّنَا وَابْعَثْ فِيهِمْ رَسُولًا مِنْهُمْ يَتْلُو عَلَيْهِمْ آيَاتِكَ وَيُعَلِّمُهُمُ الْكِتَابَ وَالْحِكْمَةَ وَيُزَكِّيهِمْ}[سورة البقرة: 129].

ينظر: "مصاعد النظر للإشراف على مقاصد السُّور" للبقاعي (2 /198).