ترجمة سورة الحج

الترجمة الأورومية

ترجمة معاني سورة الحج باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية.
من تأليف: غالي ابابور اباغونا .

Yaa namootaa! Gooftaa keessan sodaadhaaDhugumatti, sochiin Qiyaamaa waan guddaadha
Guyyaa ishee argitan, dubartiin hoosiftu hundi waan hoosiftu irraa ni dagatti(Dubartiin) ulfa qabdu hundi ulfa ishee garaa darbitiNamootas (sodaa irraa) machaa’aa agartaIsaan waa machaa'oo mitiGaruu adabbii Rabbiitu garmalee cimaadha.
Namoota irraas nama waa'ee Rabbii keessatti beekumsa malee falmee, sheyxaana didaa ta’e hunda hordofutu jira.
Isa (sheyxaana) irratti ‘inni nama isa jaalallee godhate kamillee ni jallisa; gara ibidda qabsiifamaas isa qajeelcha’ jechuun barreeffamee jira.
Yaa namootaa! Yoo kaafamuu irraa shakkii keessa jiraattan, dhugumatti Nuti biyyee irraa isin uumnee; ergasii copha bishaan saalaa irraa, dhiiga ititaa irraa, ergasii foon alalfatamu kan uumaa guuttateefi hin guuttatin irraa isin uumne; (humnaafi dandeettii keenya) isiniif ibsuuf (kana goone)Nuti waan (abbaa) feene hanga yeroo murtaa’eetti gadaamessa keessa teessifnee, ergasii daa’imman goonee isin baafnaErgasii akka umrii jabinaa keessan irra geessaniif (isin jiraachifna)Isin irraas nama (umrii ijoollummaatiin) du’utu jiraErga duraan waa beekee akka homaa hin beekneef, isin irraas nama gara umrii gadi aanaa deebi'utu jiraDachiis gogduu taatee agarta; yeroo Nuti bishaan (bokkaa) ishee irratti buufne ni sochooti; ni iitoftis, akaakuu marga bareedaa irraas ni magarsiti(Ashaakiltii) bifa hundaa irraas ni biqilchiti.
Sun waan Rabbiin, Isatu dhugaa ta’eefi Isatu du’aa kan kaasuu, ammas Inni waan hunda irratti danda’aa ta’eefi.
Dhugumatti, Qiyaamaan dhuftuudha; ishee keessa mamiin hin jiruAmmas dhugumatti Rabbiin namoota awwaala keessa jiran (hunda) ni kaasa
Namoota irraa nama beekumsa, qajeelfamaafi kitaaba (ergaa Rabbii) ibsu malee (waa'ee) Rabbii keessatti falmutu jira
Morma isaa maree (namoota) karaa Rabbii irraa jallisuuf (nama falmutu jira)Isaaf addunyaa kana keessatti salphinatu jiraGuyyaa Qiyaamaas adabbii gubaa ta’e isa dhandhamsiifna
“Kun waan harki kee lamaan hojjataniif” (isaan jedhama)Dhugumatti, Allaahnis gabroota (Isaa) kan miidhu hin taane.
Namoota irraas nama amantii irraa moggaatti ta’ee (shakkiin) Rabbi gabbarutu jiraYoo toltuun isa tuqe, isatti raga’aYoo rakkoon isa tuqe ammoo, fuula isaa irratti garagalaInni addunyaafi Aakhiraa hoonga’ee jiraSun isatu hoongoo ifa bahaadha.
Rabbiin ala waan isa hin miineefi isa hin fayyadne kadhataSun isatu jallina fagoodha.
Nama miidhaan isaa bu’aa isaa irra dhihoo ta’e kadhataJaalallee ta’uun (isaa) waa fokkate! Ammas hiriyaa ta’uun (isaa) waa fokkate!
Dhugumatti, Rabbiin isaan amananii, gaggaarii dalagan Jannata laggeen ishee jala yaatu isaan seensisaDhugumatti, Rabbiin waan fedhu hojjata.
Namni duuniyaafi Aakhiraa keessatti Rabbiin isa (Muhammadiin-SAW) hin tumsu jechuu yaade, gara samii haada hidhatee of haa fannisuErgasii tooftaan isaa waan inni jibbu dhabamsiisuu haa ilaalu
Akka kanatti keeyyattoota ifa bahaa goonee isa buufneDhugumatti, Rabbiin nama fedhe ni qajeelcha.
Dhugumatti, isaan amanan, isaan yahuudoman, saabi’oonni, kiristaanonni, majuusonniifi isaan mushrikoota ta’anis; Rabbiin dhugumatti, Guyyaa Qiyaamaa gidduu isaaniitti murteessaDhugumatti, Allaah’n waan hunda irratti ragaadha
Sila akka Rabbiin wanti samii keessa jiruufi wanti dachii keessa jiruus, aduun, jiini, urjiiwwan, gaarreen, mukkeen, lubbu qabeeyyiifi namoonni baay’enis sujuuda Isaaf godhan hin arginee? (Namoota) baay’ee adabbiin isa irratti mirkanaa’ee jiraNama Rabbiin isa salphise immoo namni isa kabaju hin jiruDhugumatti, Rabbiin waan fedhe hojjata.
Gareen kun lamaan warra Rabbii isaanii keessatti wal falmaniidhaIsaan kafaran uffata ibidda irraa ta’etu isaaniif kutamee, mataa isaanii gubbaas bishaan danfaatu itti naqama.
Isa sanaan wanti garaa isaanii keessa jiruufi gogaan (isaanii) baqfama.
Ammas jirma sibiila irraa ta’etu isaaniif jira
Dhawaata isaan yaaddoodhaan ishee irraa ba’uu fedhaniin ishee keessatti deebifaman“Adaba gubaa dhandhamaa” (jedhamani).
Dhugumatti, Rabbiin isaan amananii, gaggaarii hojjatan Jannata laggeen jala ishee yaatu seensisaIshee keessattis gumeewwan (kilkillee) warqeefi faaya irraa ta’an uffifamuUffanni isaaniis ishee keessatti hariira
(Addunyaa kana keessatti) gara jecha gaarii qajeelfamanAmmas gara karaa (Rabbii) faarfamaa ta’eetti qajeelfaman
Dhugumatti, isaan kafaranii, karaa Rabbiitiifi masjiida kabajamaa isa namoota ishee (Makkaan) keessa jiraataniifi biyyoota biraa irraa dhufaniif wal qixa goone irraa (namoota) dhorgan, (hoonga’an)Nama ishee keessatti sababa miidhaatiin jallachuu fedhes adabbii laalessaa irraa isa dhandhamsiifna
Yeroo Ibraahiimitti iddoo manaa (Ka'abaa) mul’ifnee “homaa Natti hin qindeessin; Mana Kiyyas namoota naannawaniif, isaan (salaataaf) dhaabbataniif, isaan rukuu’a godhaniifi sujuuda bu’aniif qulqulleessi” (jennes dubbadhu.)
(Sirna) hajjii (akka raawwatan) namoota keessatti lallabi(Namoonnis sirnicha raawwachuuf) miilaafi geejjiba huqqifaman hunda irra ta’anii, daandiiwwan fagoo irraa sitti dhufu.
Bu’aalee isaanii irratti akka hirmaataniif, guyyoota beekamoo ta'an keessattis beylada irraa waan Rabbiin isaanii kenne irratti akka maqaa Rabbii dubbataniif (beeksisi)Ishee irraa nyaadhaa; hiyyeessa dhabaas nyaachisaa
Sana booda xuriiwwan isaanii haa dhabamsiisan; qodhaawwan isaaniis haa guutanMana turaa (Ka’abaan) haa naanna’anii.
(Dubbiin) sanuma! Namni wantoota Rabbiin kabaje guddise, Gooftaa isaa biratti sanatu isaaf caalaIsaan (of duratti) isiniif ibsamuuf (jiran) malee beyladoonni (hundi) isiniif eeyyamamteXurii taabotaa irraa fagaadhaaJecha cubbuu irraas fagaadhaa.
Rabbiif qajeeloo haala taataniin odoo homaa Isatti hin qindeessin (fagaadhaa)Namni Rabbitti waa dabale, akka nama samii irraa kufee allaattiin isa buttee yookiin bubbeen iddoo fagootti isa gatteeti.
(Dubbiin) sanuma! Namni mallattoolee amantii Rabbii kabajes, dhugumatti sun onneen sodaa (Rabbii) qabaachuu irraayi
Isiniif isaan (beyladoota wareegaa) keessa hanga beellama murtaa’eetti bu’aawwantu jiraSana booda iddoon isaanii gara Mana turaa (daangaa harama Makkaa)ti.
Ummata hundaafuu akka horii Inni isaaniif kenne irratti maqaa Isaa faarsaniif jecha bakka qalmaa (isaaniif) taasifnee jirraDhugaan gabbaramaan keessanis Gooftaa tokkichaIsaaf harka kennaaWarra Isaaf gad of qaban gammachiisi.
Isaan warra yeroo Rabbiin dubbatame onneen isaanii sodaattu, kan waan isaan tuqe irratti obsan , kan salaata dhaabaniifi waan isaaniif kennine irraa kennaniidha.
Beeyladoota wareega Ka’abaa mallattoolee Rabbii irraa isiniif gooneIsaan keessa gaggaariitu isiniif jiraOdoo sakaalamanii jiranuu maqaa Rabbii isaan irratti faarsaaYeroo cinaachi ishee kufte ishee irraa nyaadhaa; hiyyeessa nama hin kadhanneefi isa kadhatu nyaachisaaAkka isin galata galchitaniif Nuti akka kanatti ishee (beeyladoota) isiniif laaffifne.
Foon isaaniitiifi dhiigni isaaniis Rabbiin bira hin ga’uGaruu sodaa Rabbii kan isin biraa ta’etu Isa bira ga’aAkka kanatti waan isin qajeelcheef akka Rabbiin guddiftaniif, isiniif laaffiseGaarii hojjattoota gammachiisi
Dhugumatti, Rabbiin isaan amanan irraa ni ittisaDhugumatti nama akkaan gantuu, kafaraa ta'e Rabbiin hin jaallatu
Warra lolaman sababa miidhamuu isaaniitiif hayyamni godhameefRabbiinis isaan tumsuu irratti danda’aadha.
Isaan warra manneen isaanii irraa haqaan ala waan “Rabbiin keenya Allaahdha” jedhaniif qofa baafamaniidhaOdoo Rabbiin namoota garii isaanii gariin deebisuun jiraachuu baatee, silaa iddoon moloksee, bataskaanoleen kiristaanootaa, iddoon ibaadaa Yahuudotaafi masjiidonni maqaan Rabbii hedduu keessatti faarfamu ni diigamu turanDhugumatti, Rabbiin nama (amantii) Isaa tumsu, tumsuuf jiraDhugumatti, Rabbiin irra jabaa, injifataadha
Isaan warra yoo Nuti dachii keessatti isaaniif mijeessine salaata dhaaban, zakaa kennan, toltuuttis (namoota) ajajaniifi hamtuu irraa (namoota) dhorganiidhaBooddeen waan hundaa Rabbumaafi
Yoo si sobsiisan, isaaniin duras ummanni Nuuh, Aadiifi Samuud sobsiisanii jiru
Ummanni Ibraahiimiifi ummanni Luuxis (akkasuma).
Jiraattonni Madyanis (akkasuma)Muusaanis sobsiifamee jiraAni kaafirootaaf yeroo gabaabaa kenneetan sana booda isaan qabeadabbiin kiyya akkam (hamaa) dha!.
Magaalota irraa meeqaatama odoo isheen miidhaa hojjattuu taatee jirtuu ishee balleessine! Isheen gubbaa ishee irratti kukkuftuudhaEela onteefi Gamoowwan dhedheeraa (meeqa duwwaa dhiifne).
Sila isaan (Mushrikoonni Makkaa) dachii keessa hin deemnee? Onneen ittiin waa hubatan yookiin gurri ittiin waa dhagayan isaaniif ta'aDhugumatti, kan jaamtu ija (gubbaa kanaa) mitiGaruu kan jaamtu onnee laphee keessa jiruudha.
Adabatti si jarjarfatuRabbiin waadaa Isaa hin diiguDhugumatti, guyyaan tokko Rabbii kee biratti waan isin lakkooftan irraa akka waggaa kumaati
Magaalota irraa haala isaan miidhaa hojjatoo ta’anii jiraniin Ani yeroo isheef kennee, ergasii (adabaan) ishee qabee kan deebiin ishee gara kiyyatti ta’uuf taa’u meeqaatama
(Yaa Muhammad!) Jedhi: “Yaa namootaa! Ani isiniif sodaachisaa ifa bahaa malee hin taane.”
Isaan amananii, gaggaarii hojjatan, isaaniif araaramaafi kennaa gaariitu jira.
Isaan Nu dadhabsiisuun miliquu yaadanii aayatoota keenya balleessuuf deeman, isaan sun warra jahannami.
Nuti si dura ergamaas ta’ee nabiyyii tokko erginee ‘yeroo inni dubbise sheyxaanni dubbisa isaa keessa (gurra ummataa irratti soba) darbu malee’ kan hafu hin taaneRabbiin waan sheyxaanni itti darbu san ni balleessaSana booda aayatoota isaa ni raggaasisaRabbiin beekaa, ogeessa
Waan sheyxaanni darbu san isaan onnee isaanii keessa dhukkubni jiruufi warra onneen isaanii gogeef qormaata gochuuf (akkas taasise)Dhugumatti, miidhaa hojjattoonni wal diddaa fagoo ta’e keessa jiru.
Ammas akka isaan beekumsa kennaman dhugaa Rabbii kee irraa dhufe ta’uu isaa beekanii isatti amananii, onneen isaanii isatti tasgabbii argattuuf (kana taasise)Dhugumatti, Rabbiin isaan amanan gara karaa sirrii qajeelchaadha
Hanga Qiyaamaan tasa isaanitti dhufutti yookiin (hanga) adabbiin guyyaa maseenaa (isa booda halkan hin jirree) isaanitti dhufutti isaan kafaran waa’ee isaa (Qur’aanaa) irraa shakkuu irraa hin deeman.
Mootummaan guyyaa san kan AllaahtiGidduu isaaniitti ni murteessaIsaan amananii, gaggaarii hojjatan Jannata qananii keessa ta’u.
Isaan kafaranii, keeyyattoota keenya sobsiisan, warri sun adabbii (jahannam kan) salphisaa ta’etu isaaniif jira.
Isaan karaa Rabbii keessatti godaananii, ergasii ajjeefaman yookiin du’an, dhugumatti, Rabbiin kennaa gaarii isaanii kennuuf jiraDhugumatti, Rabbiin Isatu irra caalaa kennitootaati.
Dhugumatti, Inni isaan seensa isa jaallatan seensisaDhugumatti, Rabbiin beekaa, obsaadha.
(Dubbiin) akkanaNamni fakkaataa waan ittiin miidhameetiin haaloo bahatee, ergasii isa irratti itti roorrifame, dhugumatti, Rabbiin isa tumsaDhugumatti, Rabbiin irra namaaf dabraa, araaramaadha
Sun waan Rabbiin halkan guyyaa keessa seensisuufi guyyaas halkan keessa seensisa ta'eefiDhugumatti, Rabbiin dhaga’aa, argaadha.
Kun waan Rabbiin, Inni (gabbaramaa) dhugaa ta’ee, wantoonni isaan Isaa gaditti gabbaran immoo isa sobaa ta’ee, ammas Rabbiin Isatu ol ta’aa, guddaa ta'eefi.
Sila akka Rabbiin samii irraa bishaan buusee, dachiin (isaan) magariisa taate hin arginee? Dhugumatti, Rabbiin rahmata godhaa, keessa beekaadha.
Wantoonni samii keessa jiraniifi wantoonni dachii keessa jiran hundi kan IsaatiDhugumatti, Rabbiin Isatu dureessa, faarfamaadha
Sila akka Allaahn wantoota dachii keessa jiraniifi dooniwwan galaana keessa daakan ajaja Isaatiin isiniif mijeesse hin arginee? Eeyyama Isaatiin yoo ta'e malee akka samiin dachii irratti hin kufne qabaRabbiin namootaaf akkaan mararfataa, rahmata godhaadha
Inni Isa isin jiraachisee, sana booda isin ajjeesee, Sana booda isin jiraachisuudhaDhugumatti, namni akkaan (Rabbitti) kafaraadha.
Ummata hundaaf seera isaan amantii ittiin geggeeffatan isaaniif taasifnee jirraKanaafuu (mushrikoonni Makkaa) dhimma kana irratti akka siin hin falmineGara Gooftaa keetiittis waamiDhugumatti, ati karaa qajeelaa irra jirta.
Yoo siin falmanis “Rabbiin akkaan beekaa waan isin hojjattaniiti” jedhiin.
Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa waan isin isa keessatti wal dhabaa turtan gidduu keessanitti murteessa.
Sila Rabbiin wantoota samiifi dachii keessa jiran hunda akka beeku hin beektuu? Dhugumatti, kun kitaaba (Lawhal Mahfuuz) keessa jiraDhugumatti, kun Rabbi irratti laafaadha.
Rabbiin alatti waan Inni ragaa homaatuu isaaf hin buusiniifi waan isaanis isa ilaalchisee beekumsa homaatuu hin qabne gabbaruMiidhaa hojjattootaaf gargaaraan tokkos hin jiru
Yeroo keeyyattoonni keenya kan ifa ta’an isaan irratti dubbifamanis, fuula warra kafaranii irraa (ajaja Rabbii) diduu hubattaWarra keeyyattoota keenya isaan irratti dubbisanitti utaaluutti dhihaatu(Yaa Muhammad!) “Sila waan sana caalaa hamaa ta’e isiniif himuu? Ibidda Rabbiin isaan kafaraniif waadaa galeedhaDeebichi waa fokkate!” jedhi.
Yaa namootaa! Fakkeenyi taasifamee jiraa isa dhaggeeffadhaaDhugumatti, isaan isin Rabbiin alatti kadhattan (gabbartan) odoo isaaf walitti qabamaniillee tiisisa tokko hin uumanuYoo tiisisni waan tokko isaan harkaa butes, (waan) san isa irraa buusuu hin danda’anuGabbaraafi gabbaramaan dadhabeera.
Dhugaa guddina Isaa Rabbiin hin guddifneDhugumatti, Rabbiin jabaa, injifataadha
Rabbiin maleykota irraa ergamoota filata; namoota irraas (ni filata)Dhugumatti, Rabbiin dhaga’aa, argaadha.
Inni wantoota fuuldura isaanii jiraniifi wantoota duuba isaanii jiran hunda ni beekaWantoonni hundi gara Rabbiitti deebifamti.
Yaa warra amantan! Rukuu’a bu’aa; sujuudas bu’aa; Gooftaa keessanis gabbaraa; akka milkooftaniif toltuus hojjadhaa.
Qabsoo Isaaf malu (Karaa) Rabbii keessatti qabsaa’aa; Inni isin filateera; amantii keessatti dhiphina tokkollee isin irratti hin gooneKaraa abbaa keessan Ibraahiim (deemaa)Akka ergamaan Rabbii isin irratti ragaa ba’uufi isinis namoota irratti ragaa baataniif Isatu (Rabbitu) kana duraafi (Qur’aana) kana keessattis Muslimoota isin moggaaseKanaaf salaata dhaabaa; zakaa kennaa; Rabbiin ciminaan qabadhaaInni jaalalloo keessaniJaalallee ta'uuf waa tolee! Gargaaraa ta'uufis waa tole!
سورة الحج
معلومات السورة
الكتب
الفتاوى
الأقوال
التفسيرات

سورةُ (الحَجِّ) من السُّوَر المدنيَّة، ومع ذلك فإنها جاءت على ذِكْرِ كثيرٍ من موضوعات السُّوَر المكِّية؛ مثل: بيان مسائلِ الاعتقاد والتوحيد، وما يَتعلَّق بمَشاهِدِ يوم القيامة وحسابِ الله عز وجل للخَلْقِ، إلا أن مِحوَرَها الرئيس كان حول رُكْنِ (الحَجِّ)، وما يتعلق به من أحكامٍ تشريعية، ودَوْرِ هذا الرُّكن في بناء الأمَّة ووَحْدتها، وجاءت بأحكامٍ تشريعية تتعلق بالجهاد وقتال المشركين؛ فقد مزَجتِ السورةُ بين موضوعات السُّوَر المكِّية والمدنيَّة، إلا أن مِحوَرَها تشريعيٌّ؛ كما أشرنا.

ترتيبها المصحفي
22
نوعها
مدنية
ألفاظها
1281
ترتيب نزولها
103
العد المدني الأول
76
العد المدني الأخير
76
العد البصري
75
العد الكوفي
78
العد الشامي
74

* قوله تعالى: {هَٰذَانِ خَصْمَانِ اْخْتَصَمُواْ فِي رَبِّهِمْۖ فَاْلَّذِينَ كَفَرُواْ قُطِّعَتْ لَهُمْ ثِيَابٞ مِّن نَّارٖ يُصَبُّ مِن فَوْقِ رُءُوسِهِمُ اْلْحَمِيمُ} [الحج: 19]:

عن قيسِ بن عُبَادٍ، عن عليِّ بن أبي طالبٍ رضي الله عنه، قال: «أنا أوَّلُ مَن يجثو بين يدَيِ الرَّحمنِ للخُصومةِ يومَ القيامةِ».

قال قيسٌ: «وفيهم نزَلتْ: {هَٰذَانِ خَصْمَانِ اْخْتَصَمُواْ فِي رَبِّهِمْۖ}، قال: هم الذين بارَزوا يومَ بَدْرٍ: عليٌّ، وحَمْزةُ، وعُبَيدةُ، وشَيْبةُ بنُ ربيعةَ، وعُتْبةُ بنُ ربيعةَ، والوليدُ بنُ عُتْبةَ». أخرجه البخاري (٤٧٤٤).

* قوله تعالى: {أُذِنَ لِلَّذِينَ يُقَٰتَلُونَ بِأَنَّهُمْ ظُلِمُواْۚ وَإِنَّ اْللَّهَ عَلَىٰ نَصْرِهِمْ لَقَدِيرٌ} [الحج: 39]:

عن عبدِ اللهِ بن عباسٍ رضي الله عنهما، قال: «لمَّا خرَجَ النبيُّ ﷺ من مكَّةَ، قال أبو بكرٍ: أخرَجوا نبيَّهم! إنَّا للهِ وإنَّا إليه راجعون! لَيَهلِكُنَّ؛ فنزَلتْ: {أُذِنَ لِلَّذِينَ يُقَٰتَلُونَ بِأَنَّهُمْ ظُلِمُواْۚ وَإِنَّ اْللَّهَ عَلَىٰ نَصْرِهِمْ لَقَدِيرٌ} [الحج: 39]، قال: فعرَفْتُ أنَّها ستكونُ».

قال ابنُ عباسٍ: «فهي أوَّلُ آيةٍ نزَلتْ في القتالِ». أخرجه ابن حبان (٤٧١٠).

* سورة (الحَجِّ):

سُمِّيت سورة (الحَجِّ) بذلك؛ لأنها جاءت على ذِكْرِ رُكْنِ (الحَجِّ).

* فُضِّلتْ سورةُ (الحَجِّ) بأنها السورةُ الوحيدة من سُوَرِ القرآن الكريم التي جاء فيها سجدتانِ:

عن عُقْبةَ بن عامرٍ رضي الله عنه، قال: قلتُ: يا رسولَ اللهِ، فُضِّلتْ سورةُ الحَجِّ بأنَّ فيها سجدتَيْنِ؟ قال: «نَعم، ومَن لم يسجُدْهما فلا يَقرَأْهما». أخرجه الترمذي (٥٧٨).

جاءت سورة (الحَجِّ) على ذِكْرِ الكثير من الموضوعات؛ وهي:

1. الأمر بالتقوى، والإيمان بالساعة (١-٢).

2. المجادلة بغير علم (٣-٤).

3. الأدلة على البعث (٥-٧).

4. المجادلة بغير علم (٨-١٦).

5. الفصل بين الأُمَم، والاعتبار (١٧-٢٤).

6. الصد عن سبيل الله والمسجدِ الحرام (٢٥-٣٧).

7. الإذن بالقتال والدفاع عن المؤمنين (٣٨-٤١).

8. الاعتبار بهلاك الأُمَم السابقة (٤٢-٤٨).

9. إحكام الوعيِ للنبي صلى الله عليه وسلم (٤٩ - ٦٠).

10. من دلائلِ قدرة الله تعالى (٦١-٦٦).

11. بطلان شريعة ومنهاج المشركين (٦٧-٧٦).

12. أوامر الله للمؤمنين (٧٧-٧٨). ينظر: "التفسير الموضوعي للقرآن الكريم" لمجموعة من العلماء (5 /87).

ويقول شيخُ الإسلام ابنُ تيميَّةَ: «سورة الحَجِّ ‌فيها ‌مكِّيٌّ ومدَنيٌّ، وليليٌّ ونهاريٌّ، وسفَريٌّ وحضَريٌّ، وشِتائيٌّ وصَيْفيٌّ.

وتضمَّنتْ منازلَ المسيرِ إلى الله؛ بحيث لا يكون منزلةٌ ولا قاطع يَقطَع عنها.

ويوجد فيها ذِكْرُ القلوبِ الأربعة: الأعمى، والمريض، والقاسي، والمُخبِتِ الحيِّ المطمئنِّ إلى الله.

وفيها من التوحيد والحِكَم والمواعظ - على اختصارها - ما هو بَيِّنٌ لمَن تدبَّرَه.

وفيها ذِكْرُ الواجبات والمستحَبَّات كلِّها؛ توحيدًا، وصلاةً، وزكاةً، وحَجًّا، وصيامًا؛ قد تضمَّنَ ذلك كلَّه قولُه تعالى: {يَٰٓأَيُّهَا اْلَّذِينَ ءَامَنُواْ اْرْكَعُواْ وَاْسْجُدُواْۤ وَاْعْبُدُواْ رَبَّكُمْ وَاْفْعَلُواْ اْلْخَيْرَ لَعَلَّكُمْ تُفْلِحُونَ ۩} [الحج: 77]،  فيدخُلُ في قوله: {وَاْفْعَلُواْ اْلْخَيْرَ} كلُّ واجبٍ ومستحَبٍّ؛ فخصَّصَ في هذه الآيةِ وعمَّمَ، ثم قال: {وَجَٰهِدُواْ فِي اْللَّهِ حَقَّ جِهَادِهِۦۚ} [الحج: 78]، فهذه الآيةُ وما بعدها لم تترُكْ خيرًا إلا جمَعَتْهُ، ولا شرًّا إلا نفَتْهُ». "مجموع الفتاوى" (15 /266).

وهذه السورةُ مِن أعاجيبِ السُّوَرِ؛ كما ذكَر ابنُ سلامةَ البَغْداديُّ، وأبو بكرٍ الغَزْنويُّ، وابنُ حزمٍ الأندلسيُّ، وابنُ تيميَّةَ.

ومِن عجائبِ هذه السورةِ الكريمة: أنه اجتمَع فيها سجودانِ، وهذا لم يحدُثْ في سورةٍ أخرى، بل قال بعضُ العلماء: «إن السجودَ الثاني فيها هو آخِرُ سجودٍ نزَل في القرآنِ الكريم». انظر: "الناسخ والمنسوخ" للبغدادي (ص126)، و"الناسخ والمنسوخ" لابن حزم (ص46)، و"تفسير القرطبي" (21/1)، و"مجموع الفتاوى" (15/266)، و"بغية السائل" (ص548).

جاءت سورة (الحَجِّ) بمقصدٍ عظيم؛ وهو دورُ رُكْنِ (الحَجِّ) العظيمُ في بناء الأمَّة ووَحْدتها، وجاءت بالحثِّ على التقوى، وخطابِ الناس بأمرهم أن يتَّقُوا اللهَ ويَخشَوْا يومَ الجزاء وأهوالَه، والاستدلالِ على نفيِ الشرك، وخطابِ المشركين بأن يُقلِعوا عن المكابرة في الاعتراف بانفراد الله تعالى بالإلهية، وعن المجادلة في ذلك اتباعًا لوساوسِ الشياطين، وأن الشياطينَ لا تُغني عنهم شيئًا، ولا ينصرونهم في الدنيا ولا في الآخرة.

ينظر: "مصاعد النظر للإشراف على مقاصد السور" للبقاعي (2 /296)، والتحرير والتنوير (17 /184).