ترجمة سورة النجم

الترجمة الأورومية

ترجمة معاني سورة النجم باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية.
من تأليف: غالي ابابور اباغونا .

Urjiin kakadhe; yeroo inni bu’u (seenu).
Hiriyaan keessan (Muhammad SAW) hin jallanne; hin dogoggorres.
Fedha lubbuu irraas hin haasa’u
Inni (wanti inni dubbatu) wahyii buufamu qofa.
(Jibriil) kan humni isaa cimaatu isa barsiise.
Abbaa humnaa ta’ee (bifa Rabbiin irratti isa uumeen) ol ta’e.
Inni moggaa (samii) isa ol aanaa irratti (ol ta’e)
Ergasii dhihaatee gadis bu’e.
Hanga fageenya qabannaa gooboo lamaanii yookiin sana irra dhihoo ta’e.
Gara gabricha Isaatti (Rabbiitti) waan wahyii godhe wahyii godhe.
Onneen (Nabiyyii-SAW) waan arge keessatti homaa hin sobne.
Sila ergasii waan inni (yeroo mi’iraajaa) arge irratti isa mormituu?
Dhugumatti yeroo biraas isa argeera.
Qurquraa daangaa (samii torbaffaa) biratti arge.
Ishee bira jannata qubsumaatu jira
Yeroo wanti haguugu mukattii qurquraa haguugu (arge).
Ijji gamaa gamana hin jallanne, irras hin dabarre.
Dhugumatti, inni mallattoolee Gooftaa isaa gurguddoo irraa argeera.
Mee (taabota) Laatiifi Uzzaa (jedhaman) naaf himaa?
Manaatiin kan sadaffaa duubatti haftuu taates (naaf himaa)?
Sila isiniif dhiirri ta'eeti dubartiin isaaf taatee?
Isheen kun oggas qooda jalloodha.
Isheen maqoota isiniifi abbootiin keessan odoo Rabbiin ragaa isheef hin buusin moggaaftani malee homaa mitiSe’aafi waan lubbuun isaanii feetu qofa hordofuDhugumaan qajeelfamni Rabbii isaanii irraa isaanitti dhufee jira.
Moo namaaf waanuma hawwetu jira?
Aakiraafi addunyaanis kan Rabbiiti.
Maleeykota irraa, warra erga Rabbiin nama fedhuuf hayyamee, jaallate malee manguddummaan isaanii homaa hin fayyadne baay’eetu samii keessa jiru.
Isaan Aakhiratti hin amanne moggaasa dubartootaa maleeykota moggaasu.
Isa irratti beekumsa homaatuu hin qabanShakkii malee homaa hin hordofanuShakkiin immoo dhugaa irraa homaa hin duroomsu.
Nama yaadannoo keenya irraa garagalee, jiruu addunyaa malee hin fedhin irraa garagali
Kun beekumsa irraa daangaa isaaniitiDhugumatti, Rabbiin kee Isumatu nama karaa Isaa irraa jallate akkaan beekaadhaInni nama qajeeles akkaan beekaadha.
Wanti samii keessa jiruufi wanti dachii keessa jirus kan RabbiitiIsaan hamtuu dalagan waan isaan dalaganiin isaaniif mindeessuufi isaan toltuu hojjatanis ishee caaltuu taate isaan mindeessuuf (uume).
Isaan sun warra dogoggora xixiqqoo malee dilii gugurdoofi sagaagalummaa irraa fagaataniidhaDhugumatti, Gooftaan kee araaramni Isaa bal’aadhaInni yeroo dachii irraa isin uumeefi yeroo isin garaa haadha keessanii keessatti ulfa taatanii jirtan akkaan isin beekaLubbuu keessan hin qulqulleessinaaInni nama (Isa) sodaatu akkaan beekaadha.
Mee isa gara gale naaf himi?
Kan xiqqoo kennee, ergasii dhoorgate.
Sila beekumsi fagoo isa bira jiraannaan inni (isa) beekee?
Moo wanta barreeffamoota Muusaa keessa jirutu itti hin himaminii?
Kan Ibraahiim isa (ajaja Rabbii) guutees
(Isheen sun) lubbuun dilii baadhattu ba’aa lubbuu biraa hin baadhattuudha.
Namaafis waan hojjate malee hintaaneedha.
Hojiin isaas of duratti mul’achuuf jiraadha
Achii booda mindaa guutuutu isaaf kennamaadha.
Xumurri (waan hundaas) gara Rabbiitti ta’uudha.
Inni Isumatu kofalchiise; boochises.
Inni Isumatu ajjeese; jiraachises.
Inni cimdii lama, kormaafi dhalaa, uume.
Bishaan hormaataa irraa (uume), yeroo buufamtu
Uumuun boodaas Rabbuma irra jira.
Inni Isa duroomseefi hiyyoomseedha.
Inni Isumatu Gooftaa Shi’iraati
Isumatu Aadii duraa balleesse.
(Ummata) Samuudis hin hambifne.
Ummata Nuuhis sana dura (balleesse)Isaan isaanumatu akkaan miidhaa raawwattootaafi daangaa darbitoota turan.
Ganda gombifamtuus gadi kuffise.
Wanti haguuge ishee haguuge.
Ni’imaa Rabbii keetii irraa kamiin shakkita?
Kun (Muhammad SAW) sodaachisaa sodaachistoota durii irraa ta’eedha.
Dhihaattuun (Qiyaamaa) dhihaatteetti.
Rabbiin ala isheef mul’iftuun hin jirtu.
Sila haasa’a kana (Qur’aana) irraa dinqisiifattanii?
Ni kolfituu! Hin boochanuu?
Haala sirbitanuun (irraa garagaltuu)?
Allaah’f sujuudaa; (Isuma qofa) gabbaraa
سورة النجم
معلومات السورة
الكتب
الفتاوى
الأقوال
التفسيرات

سورة (النَّجْم) من السُّوَر المكية، نزلت بعد سورة (الإخلاص)، وقد أشارت إلى صدقِ النبيِّ صلى الله عليه وسلم في تبليغه الرسالةَ، ونفيِ الهوى عنه، وأن كلَّ ما جاء به هو وحيٌ من عند الله، عن طريق جبريلَ عليه السلام؛ فحاشاه صلى الله عليه وسلم أن يفتريَ على الله الكذبَ، كما جاءت السورةُ الكريمة بإثبات بطلان الآلهة التي يَدْعُونها من دُونِ الله؛ فهو وحده المستحِقُّ للعبادة.

ترتيبها المصحفي
53
نوعها
مكية
ألفاظها
361
ترتيب نزولها
23
العد المدني الأول
61
العد المدني الأخير
61
العد البصري
61
العد الكوفي
62
العد الشامي
61

*  سورة (النَّجْم):

سُمِّيت سورة (النَّجْم) بهذا الاسم؛ لافتتاحها بقَسَم الله عز وجل بالنَّجْم.

* سورة (النَّجْم) هي أولُ سورةٍ أُنزلت فيها سجدةٌ:

عن عبدِ اللهِ بن مسعودٍ رضي الله عنه، قال: «أولُ سورةٍ أُنزِلتْ فيها سَجْدةٌ: {وَاْلنَّجْمِ}، قال: فسجَدَ رسولُ اللهِ ﷺ، وسجَدَ مَن خَلْفَه، إلا رجُلًا رأَيْتُه أخَذَ كفًّا مِن ترابٍ فسجَدَ عليه، فرأَيْتُه بعدَ ذلك قُتِلَ كافرًا؛ وهو أُمَيَّةُ بنُ خَلَفٍ». أخرجه البخاري (٤٨٦٣).

1. إثبات الوحيِ، وتزكيةُ مَن أُنزِلَ عليه (١-١٨).

2. الظنُّ لا يغني من الحق شيئًا (١٩-٣٢).

3. ذمُّ المشركين، وبيانُ وَحْدة رسالة التوحيد (٣٣- ٦٢).

ينظر: "التفسير الموضوعي لسور القرآن الكريم" لمجموعة من العلماء (7 /490).

مقصدُ السورة الأعظم هو إثبات صدقِ النبي صلى الله عليه وسلم فيما جاء به، ونفيِ الهوى عنه، فلا يَتكلَّم إلا بما علَّمه اللهُ إياه عن طريق الوحيِ؛ فهو الصادقُ المصدوق المبعوث من عند القويِّ المتعال، وفي ذلك يقول ابنُ عاشور رحمه الله مشيرًا إلى مقصودها: «تحقيقُ أن الرسول صلى الله عليه وسلم صادقٌ فيما يبلغه عن الله تعالى، وأنه مُنزَّه عما ادَّعَوْهُ.

وإثباتُ أن القرآن وحيٌ من عند الله بواسطة جبريل.

وتقريبُ صفة نزول جبريل بالوحيِ في حالينِ؛ زيادةً في تقرير أنه وحيٌ من الله واقع لا محالةَ.

وإبطالُ إلهيَّة أصنام المشركين.

وإبطال قولهم في اللاتِ والعُزَّى ومَناةَ: بناتُ الله، وأنها أوهام لا حقائقَ لها، وتنظيرُ قولهم فيها بقولهم في الملائكة: إنهم إناثٌ». "التحرير والتنوير" لابن عاشور (27 /88).

وينظر: "مصاعد النظر للإشراف على مقاصد السور" للبقاعي (3 /35).